Raapparii fi taatoo beekamaan DMX ganna 50tti du'aan boqote

Madda suuraa, Getty Images
Raapparii fi taatoo beekamaan US, DMX ganna 50tti du'aan boqote. Guyyoota shan dura dhukkuba onnee tasaa dhukkubsatee ture.
Raappariin maqaan isaa sirriin Eerl Siimans ta'e, hospitaalaatti yaaliin osoo godhamaafi jiruu bakka maatiin isaa jiranitti boqote.
Maatiin isaa ibsa baasaniin "hanga dhumaatti kan falmatu loltuu ture" jedhan.
"Muuziqaawwan Eerl guutuu addunyaatti dinqisiifattoota hedduuf kaka'umsa uumaniiru, hojiin isaa bara baraan jiraata," jedhan.
Dark Man X kan jedhamu DMX weellisaa Hip-hop beekamaa, aartiistota jajjaboo akka JAY-Z, Jaa Ruul fi LL Kuul J waliin hojjetaa turedha.
Walleen alatti fiilmiiwwan alla 'Cradle 2 the Grave, Romeo Must Die fi Exit Wounds jedhaman irratti taatoo ta'ee hirmaateera.

Madda suuraa, EPA
Maawunt Vernon, Niwu Yoorkitti bara 1970 kan dhalate DMX, qoricha sammuu nama hadoochuun wal'aansoo qabaa jiraate.
Yeroo heddus jidduugalawwan dandamannaa keessatti dabarse.
Abbaa ijoollee 15 kan ta'e DMX, himannaa gara jabinaa, akka malee konkolaachisuu, qoricha sammuu nama hadoochuu fi meeshaa waraanaa qabatanii argamuun itti murtaa'ee hidhameera.
Akka maatiin jedhutti Niwu Yoork, Waayit Pileensitti hospitaala keessatti du'e.
"Maatii isaa onnee isaa guutuun jaalata ture, yeroo isa waliin dabarsine yoomuu ni yaadanna," jedhan.













