Kylian Mbappe tapha PSGn 4-1 Baarselonaa injifate irratti hatiriikii hojjete

Maxxanfame

Tapha Chaampiyoons Liigii Awurooppaa Paris St-German Baarselonaa injifatan irratti Kylian Mbappe goolii sadii galchuun hatiriikii hojjete.

Tapha dirree Baarsaa Nuo Kaampitti taphatame kanaan PSGn haala gaariin hin jalqabne ture. Gooli ishee duraa Meesiin rukuttaa penaalitiin daqiiqaa 27ffaarra galche.

Taphataa urjii kubbaa miilaa yeroo kamuu jedhamuun kan beekamu Meesiin, dirreesaa gubbaatti taphataa Firaans wajjin Waancaa Addunyaa kaase Mbaapeen caalameera.

Mbaappeen tapha kanarratti galchiiwwan 3 kan lakkoofsise yogguu tahu, goolii afraffaa ammoo Moise Kean lakkoofsiseera.

Marroon tapha kanaa Bitootessa 20 Paarisitti kan gaggeeffamu yogguu tahu, wayita sanattis Neeymaar miidhaarraa bayyanatee akka deebiyu ni eegama.

Halkan Mbappe'n itti mul'ate

Taphni Chaampiyoons Liigii kilaboota Awurooppaa gurguddaa gidduutti adeemsifamu yeroo hedduu, tapha miiraan guutamee fi haalaan cimaadha jedhamudha. Inni kun garuu kan Mbappen itti mul'atee, kubbaa taphaas kan fudhatee gale taheera.

Jifataan ganna 22 kun bara dabre xumura waancaa kanaaf gahuun, Baayer Muunikiin mo'amaniiru. Tahus garuu kilabni Chaampiyoonaa Liigii Faransaay tahan kun, leenjisaa haarayaa Mauricio Pochettino wajjin karaa dansaarra waan jiran fakkaatu.

Pocheetiinoon 2019 keessa kilba Ingiliiz Totanihaamin kan ari'ame oggaa tahu, waancaa kanaaf Mbappe qabatanii morkataa cimaa tahu jedhamee eegama.

Tapha kanaan dura taphoota walfakkaataa (knockout) sagal dabraniif goolii tokko callaa ka galche taphataan kun, tapha Kibxata galgalaan garuu seenaa kana haalaan geeddare.

Jifataan kilaba Monaakoo duraanii kun, Faustino Asprilla fi Andrei Shevchenko'tti aanuun taphataa sadaffaa Chaampiyoons Liigii irratti Baarseloonaa irratti hatirikii hojjete taheera.

PSGn silaa goolii kaanillee itti daruu malan, garuu goolii eegaan Baarsaa Ter Stegen, yeroo lama kubbaawwan qaqqaalii saaphana keessa lixuu oolche.

PSGn ammaaf olaantummaa fudhataniiru. Tahus garuu taphni marroo lammaffaa waan hafeefuu, obba'eera jechuu hin dandeenyu.

Maaliif jennaan, seenaan akkasii amma duras mudatee ture - Baarsaan marroo jalqabaan 4fi 0n mo'amanii, marroo lammaffaan ammoo 6fi 1n mo'achuun seenaa ajaa'ibaa dalagan.