Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Astirooyidiin Daayinosaroota balleesse akkamiin bosona Amaazoon uume?
Dhagaan hawaa ykn astirooyidiin daayinosaroota lafarraa ajjeesee balleesse bosona tiroopikaalii addunyaa keenya uume jedha qorannoon haaraa.
Qorattoonni balaan sun bosonoota Amerikaa Kibbaa akkamiin akka geeddare qorachuuf hambaa lafee daakameefi baala Kolombiyaatii argame qorataniiru.
Erga dhakaan hawaa bal’ina km12 qabu waggootii miiliyoon 66 dura addunyaa kana rukutee, gosti biqiltoota bosona kana keessa turan guddaa geeddaramaniiru.
Gartuun qorattootaa kun argannoo isaa joornaalii Saayinsii beekamaa irratti baaseera.
Maxxansa kana kan barreessan keessa tokko Dhabbata Qorannoo Simisoniyaan Tiroopikaal irraa, Dr Monikaa Karvalhoo, “gartuun keenya hambaa lafee 50,000 olii fi hambaa baala 6,000 ol kan astirooyidichi kufuu isaa dura fi booda turan qorataniiru,” jedhan.
Biqiltoonni konifersi fi fernis jedhaman astirooyidiin kun lafa rukutuu isaan dura nannoo Meeksikoo Yukataan ammaa keessa baay'ee akka turan baraniiru.
Erga balaan kun uumame booda, gosti biqiltoota nannichaa turan gara 45% hir’isan. Biqiltoonni hedduun badaniiru keessumaa biqiltoonni sanyii qaban.
Waggoota miliyoona 6 booda biqilooti kun dandamatanis biqiltoonni abaaboo kan 'angiosperms' jedhaman itti heddummatan.
Akkaataan taa’umsa bosonoota tiroopikaaliis sababa astirooyidii kanaan geeddarameera.
Wayita Daayinasarootni lubbuun turan mukkeen bosona keessa jiran walirraa siqanii argamu ture. Fiixeen isaanii wal keessa lixee ifti aduu akka hin seenne hin dhorku ture.
Erga astirooyidichi dachee rukutee booda biqilootni walitti maxxananii biqilan, ifti aduus salphaatti keessa bahe lafa gahuu dhabe.
Kanaaf balaan kun bosona koniferes bara Daayinasarootni lubbuun turan ture gara kan amma jiru bosona roobaatti akkamiin geeddare?
Akka qorannoo hambaa lafee fi baalaa irratti gaggeessaniitti, qorattoonni ibsa adda addaa sadii kennu.
Jalqaba, Daayinosarootni biqiltoota kana nyaachuu fi irra deemuun bosonootni kun akka gobbatanii hin guddanne gochuu malu.
Ibsi inni lammataa daaraan balaa kanarraa umamee lafa tiroopikaaliirra bu’e, biqiltoonni ariitiin akka guddatan taasiseera.
Ibsi sadaffaan ammo biqiltoonni konifaras baduun isaanii biqiltoonni abaaboo godhatan akka guddataniif carraa baneera kan jedhudha.
Yaadotni kun ibsa qofaatti ba’an ta’uu dhiisuu danda’u, hundi isaaniyyuu bu’aa har’a agarruu keessaa ga’ee qabu jedhu gartuun kun.