Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Donaald Tiraamp cidha irratti argamee, ‘na yaaddaniittuu?” jedhe gaafate
Donaald Tiraamp cidha riizoortiisaa 'Mae-a-Lago' jedhamu Filoorida jiru keessatti gaggeeffama ture tokko irratti argamee wa’ee Joo Baayidan, Chaayinaa fi Iraan irratti komii qabu dubbate.
Pireezidantiin duraani kun cidha kanarratti argamee haasaa taasisee gara siyaasatti geeddaruuf yeroo itti hin fudhanne.
Wa’ee daangaa Meeksikoo, filannoo pireezidantummaa Sadaasaa irratti injifatame irrattis gaaffii dabalataa kaaseera.
“Na yaaddaniittuu?” jechuun namoota cidhicharra jiran gaafatee, hedduun sagalee guddaan isa simataniiru.
“Gabaasni adda adda ana ga’a, waa’ee daangaa, waa’ee Chaayinaa, waa’ee Iraan natti himu,” jechuun dubbata Tiraamp viidiyoo marsariitii TMZ irratti gadhiifame kanaratti.
“Waligalteerra ga’uuf qophoofnee turre, isaan homaa gochaa hin jiran. Namichi kun ammoo [Baayidan] deeme qoqqobbii irraa kaa’ee booda waliin mari’achuuf qophoofneerra jedha,” jechuun dubbateera.
Pireezidant Baayidan Iraanirra qoqqobbii hin keenye.
Guraandhala keessa, bulchiinsi Baayidan bulchiinsi Tiraamp manni maree nageenya UN qoqqobbii idil-addunyaa Iraan irra akka kaa’amuuf gaafatee ture kuffiseera.
Sana booda wa’ee daangaa Kibbaa Meeksikoo irratti Tiraamp bulchiinsa Baayidan qeeqeera.
“Daangichi gaarii miti. Haala hamaa argamee hin beekne keessa jira,” jedhe Tiraamp.
“Ijoollee irratti maaltu uumamaa jira, koosii keessa jiraachaa jiru. Haala namni argee hin beekne keessa jiraachaa jiru. Wanti akkanaa kanaan dura uumamee hin beeku.”
Bulchiinsa Tiraamp jalatti bara 2017 hanga 2018 gidduutti maatileen godaantootaa kumaatamaan lakka’aaman ijoollee isaanii irraa addaa baafamaniiru.
Pireezidantiin duraanii kun yeroos xiyyeeffannoo isaa wa’ee filannoo pireezidantummaa injifatameetti naanneesse.
“Sagalee miiliyoona 66 yoo argatte filanicha ni injifatta jedhan. Ani sagalee miiliyoona 75 argadhee garuu wanta uumame agartaniittu,” jedhe.
Joo Baayidan sagalee miiliyoona 80 ol argate.
Tiraamp haasaa isaa kan xumure misirroota “babbareedoo” Joon fi Meegan Arrigoo baga gammaddan jechuuni.
Tiraamp yeroo cidha deeggartoota isaarratti tasa argamu kun isa jalqabaa miti.
Bara 2019 keessa yeroo pireezidantii turetti cidha kilaabii goolfii isaa Niiw Jeersii keessatti adeemsifamaa ture irratti argamuun, namootni wal fudhaanii fi keessummoonni isaani “USA! USA!” jechuun akka dhaadataniif kakaaseera.