Poolisiin Bulgaariyaa qarshii sobaa miiliyoonaan yunivarsiitii keessatti maxxanfame to’ate

Namoonni lama yunivarsiitii keessatti mana maxxansarra hojjetan to'atamaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Aanga'oonni Bulgaariyaa qondaalota oppireeshinii Tajaajila Icciitii Ameerikaa waliin taasisaniin qarshii sobaa miiliyoonaan lakkaa’amu kan yunivarsiitii keessatti maxxanfame magaala biyyattii Soofiyaa keessatti qabachuu himan.

Nootiiwwan maallaqaa Yuroo miiliyoona 3.6 fi doolaara miiliyoona afur oppereeshinii taasifame kanaan qabamuu poolisiin himeera.

Dubartii tokkoofi dhiira tokko dabalatee namoonni qarshicha maxxansuuf qacaraman to’annoo jala oolaniiru jedhe abbaan alangaa.

Qarshiin amma to’atame kuni ‘’maallaqa guddaa jaarraa kanaati’’ jedhan dursaan abbaa alangee.

Maashinni qarshii maxxansuuf faayidaarra oolee fi kaanillee qabamuu AP’n gabaaseera.

‘’Namoonni qabaman qarshii sobaa Ameerikaa, doolaara Yukireen galchuuf, Yuroo immoo lixa Awurooppaa galchuuf akka karoorfatan odeeffannoo qabna,’’ jedhan.

ministirri keessoo biyyattiitti garee yakka qindaa’ee to’achuuf hundaa’e kan hogganan Luboomiir Yaaneev

Qarshiin inni akka isa sirrii fakkaatu haalaan taasifame hojjetame guyyaa Sanbattan irra maxxanfamaa ture jedhan.

Dura bu’aan Poolisii Soofiyaa Joorj Haadcheev yeroo dhimmi kuni gaggeefamu hogganootni yunivarsiitichaa beekuu isaaniif ragaan hin jiru jedhan.

Qondaaloti biyyattii Tajaajila Icciitii Ameerikaa waliin tahuun qarshii sobaa yoo argatan kuni yeroo lammataa dha.

Amajjii darbe qarshii sobaa fi meeshaa ittiin qarshiin maxxanu iddoowwan 30 tahanitti Tajaajila Iccitii Yuroopool waliin tahuun to’achuu Rooyitars gabaaseera.

Bara 2016tti poolisonni qarshii sobaa yuroo miiliyoon 13 tahu qabatanii turan.