Ispeenitti hojjettoonni ijaarsaa mana dhugaatii keessatti kutaa dhiqannaa jaarraa 12ffaa argatan

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Hojjettoonni ijaarsaa mana dhugaatii Ispeeen magaalaa Seville keessatti kutaa dhiqannaa jaarraa 12ffaa argatan.
Argannoon kun Mana Dhugaatii Giralda wiirtuu magaalattiitti argamuun ‘’waan hin eegamne dha’’ jedhan arkiyoolojistiin Alvaaroo Jimeeneez AFP’tti yoo himan.
Yeroo ijaartonni ededa manichaa burruusaan dhahuu jalqaban ifti boca urjii qabdu seenuu jalqabde.
Achii booda araatii manichaarraa ifa aduu kan boca adda addaan 90n seenu argatan.
Ammas keenyan kutichaa irratti ogumni fakkii Islaamaa durii argameera.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Ogeeyyiin, arkiteektii Viinseent Tireevar jedhamutu kana dura yeroo darbiin lama ijaaramu kutichi akka jirutti dhokatee akka taa’u kan taasise jedhu.
Manni dhugaatii kuni maqaasaa Masjiida Guddicha amma gamoo bilbilaa kaatedraalii magaalaa Siiviil kan tahe irraa fudhate.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Magaalaan Seville warra Moors jedhamaniin jaarraa 8ffaa keessatti weeraramte. Boodarras giddugala Kaalifeetii Almohaad keessaa tokko taate.
Achis jaarraa 13ffaa keessa Mootii Kiristaanaa Fardinaand 3ffaa jedhamuun fudhatamte.
Suuraaleen hundi mirga abbeentaa qabu














