Godina Booranatti barbaachi loonii eela jigee keessaa itti fufeera

Godina Booranaatti Eeli Dubbannaa jedhamu jiguun lubbuun nama tokko yoo dabru, loon hedduus miidhamaniiru. Kanuma hordofee barbaachi loon qotanii baasuu ammallee itti fufeera.
Balaan kun ka dhaqqabe guyyaa Wiixataa Aanaa Miyoo Ganda Meelbanaatti oggaa tahu, haga hardhaatti loon qotanii baasaa jiraachuu odeeffanneerra.
Dargaggeessi biyyeen itti jigdee lubbuun dabre reeffa isaa qotanii jalaa baasuun guyyaa Roobii awwaalameera.
Walumaa galatti horiin eelii kun itti jige loon 31 yogguu tahu, namni immoo jaha.
Maaltu mudate?

Balaa jiguu eelaa akkasii 'amma dura mudatee hin beekne' jedhame kanaan, guyyaa Wiixatarraa kaasee halkanillee otoo hin hafin walitti aansuun qotaa turan.
Jiraataan ganda Meelbanaa Soraa Jaarsakuloo akka BBCtti himetti ''Eeli namaafi loonirratti jige. Eeli guddoo gadi fagaata,'' jedhe.
Loon bishaan dhugaa turan kan maatii lamaa akka turanis dargaggeessi kun ni hima.
Bulchaan Ganda Meelbanaa Aabba Boruu Waaqoo ammoo guyyaa Kibxataa BBCtti wayita dubbatanitti, sababni eeli kun itti jigeef gama gubbaatiin baqaqaa yookaan fallaaqa waan qabuuf tahuu himan.
''Eeli fallaaqa gubbaarraan qaba. Dhaanicha roobaan lafti jiitee jennaan, baqaqaan taan walgadhiiftee, loon murnyi kaan dhugee kan olbahaa jiru, murnyi kaan ammoo gadibu'uutti jiru itti dhaqate.''
Baqaqni kun kan dhiyeenya mudate otoo hin taane, kanum duraan turedha kan jedhan Aabba Boruu ''tarsa'aan eelaa waggaa dheeraa turuu dandeetti. Eegi tarsa'ellee waggaa sadii ykn afur turuu danda'a,'' jedhan.
''Adaguma Rabbin gadibuusu malee, waan haarettii dhibii miti.''

Gama kaaniin bulchaan gandaa kun akka jedhanitti mootummaan meeshaalee ittiin qotanii baasaniifi ibsaallee dhiyeessuu nutti himan.
''Jeneratara as dhaabanii ibsee bobeessanii, warri mootummaatuu walumaan qottuutti jirra. Bishaaniifi midhaanillee fidanii, walumaan itti deemutti jirra,'' jedhan.
Naannoo yeroo bonaa margaaf bishaan loonif rakkoo itti ta'e Boorana keessatti, eeli bishaanii loowwaniifi namoota jiraachisuuf gahee guddaa taphata.


















