Koronaavaayiras፡ Omaan Itoophiyaarraa dabalatee namoota biyyoota 10 irraa dhufan seenuu dhorkite

Maxxanfame

Omaan Itoophiyaarraa dabalatee lammileen biyyoota 10 irraa dhufan biyyashee akka hin seenneef guyyoota 15 itti aananiif dhorkite.

Biyyoota 10n kanneen keessaa ammoo saddet Afrikaarraa yommuu ta'an: Sudaan, Sudaan Kibbaa, Naajeeriyaa, Taanzaaniyaa, Gahaanaa, Itoophiyaa, Giiniifi Seraa Liyoon.

Biyyoonni biroo lama ammoo Biraaziliifi Lebaanosirraati.

Murteen kun namoonni biyyoota birootii dhufan, garuu ammoo osoo biyyattii seenuudhaaf viizaadhaaf iyyata hin dhiyeeffatiin dura guyyoota 14 keessa biyyoota dhorkaman keessa darbanis ni ilaallata.

Lammileen Omaan, dippilomaatonni, hojjetoonni fayyaafi maatiin isaanii dhorkaa kaa'ame kanarraa bilisa ta'uu biyyattiitti qaamni dhima Covid-19 hordofu beeksiseera.

Dhorkaan biyyattiin keessa kun ammoo Kamisa dhufu Guraandhala 25 irraa kaasee hojiirra kan oolu ta'a.

Ministeerri fayyaa Omaan jalqaba ji'a kanaa akka jedhetti imaltoonni, keessumaa biyyoota Afrikaa Bahaa irraa ta'an namoota koronaavaayirasiin biyyattii keessatti qabaman keessaa parsantaa 18 qabatu.

Biiyyoota Omaan waliin seenaafi aadaan walitti dhufeenya qabaniif murteen kun rifaasisaadha jedhameera.

Biiyyoota lammileen isaanii akka Omaan hin seenneef dhorkaman keessaa Taanzaaniyaan ji'a Caamsaa irraa kaastee nama Covid-19n qabame tokkollee jiraachuu hin beeksifne.

Ji'oota dheeraaf weerara Covid-19 irraa bilisa ta'uu ishee dubbataa kan turte Taanzaaniyaan, akka tasaa torban darbe Pirezedaantiin biyyattii Joon Magufuuliin ummatasaanii Covid-19 irraa akka of eeggataniif gorsan.

Biyyoonni akka Itoophiyaa, Afrikaa Kibbaafi Naajeeriyaa ammoo guyyaa guyyaan namoonni vaayirasichaan qabaman hedduun galmaa'aa jiraachuu ni gabaasu.

Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Omaan biyyashee keessa namoonni koronaavaayirasiin qabaman jiraachuu qorannoo kan mirkaneeffatte yoo ta'u, isaan keessaa ammoo 1,500 kan ta'an du'aniiru.

Biyya Omaan kanatti ji'a darberraa kaasee lakkoofsi namoota koronaan qabamanii suuta suutaan dabalaa jira.