Tiraamp xiyyaara 'Air Force One' jedhamuun Kim gaggeessuuf turan

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Pirezidaant Tiraamp qondaala Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un waliin walarguunsaanii, taateewwan bara pirezidaantummaasaanii xiyyeeffannaa argatanii fi qalbii namoota hedduu harkisan keessaa tokko ture.
Kooriyaan Kaabaa sababa meeshaalee waraanaa niwukilaraa oomishtuuf addunyaarraa qoqqobbii, doorsisaa fi moggaatti dhiibamuutu ishee mudata, haalli kun ammoo michummaa Tiraamp fi Kiim gidduutti uumamee tureef sababa ta'eera, michummaan sun garuu hin milkaa'in hafe.
Odeessi kun walga'iin Tiraamp fi Kiim akkamiin mudachuu danda'e, maaltu jedhame fi akkamiin xumurame kan jedhurratti xiyyeeffata, namoota achi turan irraa odeeffannee gabaasa kana qopheessine.
Namoonni wayita qondaaltonni lameen walargan galma sana keessa turan, waan hooggantoota yeroo dheeraa booda walargan kana gidduutti ta'e wayita argan akkaan rifatan.
Tiraamp xiyyaarasaanii 'Air Force One' jedhamuun akka Kiimiin manaan ga'uu barbaadan wayita itti himan, namoonni achi turan naasuudhaan hadoodan.
Yaa'ii lammaffaan Tiraamp fi Kim Haanooyi, Veenaa keessatti gaggeessuuf turan akkaataan karooraan hin raawwanne.
Haasaan dhimma niwukilara Kooriyaa Kaabaa gufatee addaan cite, Tiraamp tasa ka'anii deemany, ''Yeroo garii kaateema callistee deemta' jedhanii gaazexeessitootatti dubbatanii lixan.
Dhimma Kaawunsilii Nageenyaa Biyyaalessaa Tiraamp irratti ekispertii biyyoota Eeshiyaa kan ta'an Matthew Pottinger ,''Pirezidaant Tiraamp xiyaara 'Air Force One' jedhamuun Kiim manaan ga'uuf gaafatan. Tiraamp akka Kiim baaburaan Karaa Chaayinaa lafa dheeraa qaxxaamuranii Haanooyi seenan waan beekaniif kana jedhan. 'Yoo feete sa'atii lama keessattin manaan si ga'a' jedhan. Kiim garuu yaada kana ni kuffisan.'' jechuun haala yeroo sana ture ibsan.
Dogoggora Tiraamp ofumaa uuman
Tiraamp waa'ee xiyyaaraan manaan nama ga'uu duraanis dubbatanii turan jedhu gorsaan nageenyaasaanii duraanii Joon Booltan.
''Tiraamp duraanis Singaappor keessatti akkas jedhanii turan. Akka yaadasaaniitti michuu cimaa uummachuusaaniiti''
Wayita Kiim waliin walarganis kanuma irra deebi'an, xiyyaara kiyyaanin manaan si ga'a jechuun Kiim ofitti butuu fedhan Tiraamp.
Kan gareessanii rifaasise ammoo, gaaffii Kiim dhiyeessaniin shaakala waraanaa US fi Kooriyaa Kibbaa haquu isaaniiti.

Madda suuraa, Getty Images
Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Jong-un hariiroo shaakala waraanaa US fi Kooriyaa Kibbaa waggoota 60 oliif gaggeeffamaa ture komachuu yeroo itti dhiisan hin qaban jedhan Joon Booltan.
''Tiraamp lafumaa ka'anii hariiroo shaakallii waraanaa sana akka haqan waadaa galaniif. Shaakalli akkasii homaa nu hin barbaachisu, gatiin itti baasnus qaaliidha, haqeen si gammachiisa jedhaniin'' jedhan Aab Joon Booltan.
Waan afaan Tiraamp irraa dhagahan amanuun akka isaan rakkise kan dubbatan Joon Booltan, wayita isaan kana jedhan Ministira Dhimma Alaa Maayik Poompewoo fi Hoogganaa Humna Waraanaa Kelly waliin akka turanii fi Tiraamp murtee kana dabarsuu dura homaa akka isaan hin mariisifne dubbatan.
''Kun dogoggora isaan dhiibbaa alaa tokko malee ofii isaaniitii uumaniidha. Afaanumasaanii keessaa baasanii dogoggoran. Murtee isaanii sanarraa Ameerikaan homaa hin fayyadamtu'' jedhan.

Madda suuraa, API via Getty Images
Tiraamp Kooriyaa Kaabaa doorsisaa, Kim Jong-un'n arrabsaa, 'Rocket Man' jechaanii ba'anii ji'oota muraasa booda ammoo akka michuu cimaatti hoogganaa Kooriyaa Kaabaa arguun mataansaa garee isaanii dabalatee qondaaltota addunyaa hedduutti gaaffii ta'eera.
Kim ergaa Tiraamp dafee hin dafanii hin deebisneef, ji'oota booda garuu Pirezidaantii US arguu akka fedhan Kooriyaan Kibbaatti himan.
Warri Kooriyaa Kibbaas naasuudhaan gara Waayit Haawus imalanii dubbii kana gurra Tiraampiin gurra buusan.
Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa yerosii HR McMaster tibba Tiraamp walga'ii Kooriyaa Kaabaa waliin taasisuuf gaaffii dhiyaateef tole jedhan, waan ture wayita ibsan: ''Ameerikaatti Amabaasaaddarri Kooriyaa Kibbaa Ambaasaaddar Chung teessumarraa kufan, sababni isaa kun gantummaadha jedhanii waan yaadaniif'' jedhan.
McMaster akka miseensa Waayit Haawus tokkootti Tiraamp akka Kim waliin walargan hin deggerre, pirezidaantichi garuu fedhii mataasaanii qofaan akka karoorasaaniitti deemanii Kim Jong-un argan jedhan.













