MM Joorjiyaa hidhamuu hogganaa paartii mormituu mormuun aangoo gadhiisan

Bitaarran kan jiran Ministira Muummee Joorjiyaa Joorji Gakariyaan, Mirgaarran kan jiran hogganaa paartii mormituu Nikaa Melihaa

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Bitaarran kan jiran Ministira Muummee Joorjiyaa Joorji Gakariyaan, Mirgaarran kan jiran hogganaa paartii mormituu Nikaa Melihaa
Maxxanfame

Ministirri Muummee Joorjiyaa Joorji Gakariyaan, hogganaan paartii mormituu akka hidhamu karoorfamuun ''raafama siyaasaa kaasa'' jechuun aangoorra bu’an.

Joorji Gakariyaan akka himanitti, manni murtii hogganaa paartii mormituu Nikaa Melihaa dhaddachatti otoo hin dhiyaatiin dursa akka hidhamu murteessuun ''lubbuu fi fayyummaa lammilee balaarra buusa'' jedhanii mormuun ofiin aangoo gadhiisan.

Melihaan bara 2019 hiriira mormii mootummaa balaaleffatu qindeessuun kana dura himatame ture.

Himata irratti dhiyaatee kanaan balleessaan yoo itti murame ganna sagaliif hidhamuuf jira, taatulle himata irratti dhiyaate haaleera.

Ministirri dhimma biyya keessaa Joorjiyaa Ministirri Muummee biyyasaanii aangoo gadhiisuu ganama kana beeksisuu hordofaanii toora tiwitaraa gubbaatti ergaa maxxansaniin ''Aab Melihaa hidhuun yeroo murtaa’eef hafeera''jedhan.

Maaliif hogganaa paartii Mormituu hidhuun barbaachise?

Jalqaba torban kanaatti manni murtii magaala guddoo biyyattii Tibilis keessatti argamu hogganaan paartii mormituu kaffaltii wabiif kaffalamuu qabu kaffaluu dadhabe jechuun Aab Melihaa hidhuuf ajaja baasee ture.

Hoogganaan 'United National Movement' jedhamuu kan ta'an Aab Melihaan yoo ta’u, AFPtti wayita dubbatetti ''himannichi mormitoota karaa ittin cunqursan keessaa kun isa tokko'' jedha.

Joorjiyaan bu'aa filannoo Guraandhala darbe hordofuun muddama siyaasaa keessaa hin baane. Paartiin mormituu mootummaan biyya bulchu seeran ala firii filannoo geeddaruu fi namoota sagalee filannoof kennaan doorsiseera jedhanii himatu.

Himannaan Aab Melihaa bara 2019 yeroo namoonni kumaatamaan lakka’aman paarlaamaa Joorjiyaa haleeluuf yaalaniirraa eegala.

Yeroo sanitti miseensi Paarlmaa Raashiyaa tokko teessoo afyaa’ii paarlaamaarra taa’e, Raashiyaatti haasaa dhageessisuuf wayita ka’anitti, hiiriirtoonni Paarlmaa haleeluuf ka’anii turan.

Poolisoonni hokkora bittimsan gamoo Paarlaamaa hiriirtonni akka hin seenne dhorkaa turanillee, namoota dhibbaan lakka’amanitu madaa’e ture.

Ta’iin kun Mooskoon dhimma Joorjiyaa keessa harka galfattee jedhamee dheekkamsa deebise kan dammaqse wayita ta’u, ganna kudhanitti dhiyaatu dura dhimma naannoo Kibba Oseeshiyaarratti waraanni Raashiyaa fi Joorjiyaatti gidduutti gaggeeffama turuun ni yaadatama.