Humni waraanaa Ugaandaa gaazexessitootaa reebuu isaaf dhiifama gaafate

Gaazexessitoota Ugaandaa

Madda suuraa, Boobii Waayin

Maxxanfame

Humni waraanaa Ugaandaa gaazexessitoota jaha miseensotni isaa reebanii miidhaniif dhiifama gaafatee, baasii waldhaansa nan kaffala jedhe.

Hoogganaan waraana Ugaandaa Janaraal Deeviid Muhoozii gaazexeessitooti miseensota waraanaan reebamuun isaanii fudhatama hin qabu, waraanni baasii waldhaansa isaanii ni kaffalaa jedhan.

Miseensonni humna waraanaa kan gaazexessitoota reeban fuula waajira Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii duratti yogguu ta'u, hoogganaan dhaaba mormituu Boobii Waayin sarbama mirga namoomaarratti mallattoo (petition) sassaabaa ture dhaabbatichaaf galchuu bakka deemetti.

Reebicha uleen miseensonni waraana biyyattii raawwataniin gaazexessitootni jaha miidhamaniiru.

Miidiyaaleef ibsa kan kennan ajajaan waraana biyyattii Janaraal Muhooziin, miseensota waraanaa gocha kana raawwatan irratti tarkaanfii fudhatamu uummata ni beeksifna jedhan.

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii reebicha waajira isaa fuula duratti raawwatame kana balaaleffateera. Kanneen gocha san raawwatan akka gaafatamanillee gaafate.

Gamtaan Awrooppaa ibsa torbee darbe baaseen mootummaan Ugaandaa haleellaa miseensonni waraanaa fi Poolisiin gaazexessitoota, kanneen mirga namoomaaf quuqamanii fi hoogganoota mormitootaarraan gahu akka dhaabu gaafateera.

Filannoo Pireezidantummaa Yuweerii Kaguutaa Museveeniin marroo jahaaffaaf injifatan duraa fi filannoon boodas mormii biyyittii keessatti dhalateen humni waraanaa tarkaanfii humnaa olii fayyadamuun qeeqamaa ture.

Morkataa Pireezidant Museveenii kan ture Boobii Waayin filannoon booda guyyoota hedduuf manaa akka gadi hin baane ugguramee ture.

Boobii Waayin guyyoota darban waayee sarbama mirga namoomaa biyyattii keessa jiru ilaalchisee mallattoon(petition) mormii walittii qabaa ture waajira Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti galchuu ibseera.