Cabbiin US harka 73 haguuge lubbuu namoota 20 olii galaafate

Madda suuraa, Reuters
Bubbee fi cabbiin isteetota kanaan durallee itti hammaatee hin beekne akka Teksaas keessattillee hammaate du'a namoota 21 ta'aniif sababa ta'eera.
Teksaas keessatti fedhiin anniisaa elektirikaa akkaan dabaluun tajaajilli elektirikaa akka adda citu dirqisiiseera.
Kibxata har'aas haallii qilleensaa hammaataan kun itti fufa jedhan ogeeyyiin.
Tajaajilli Haala Qilleensaa Biyaalessaa(NWS) akka ibsetti sababa haala qilleensaa kanaan lammiileen US miiliyoona 150 ta'an akeekkachiisa sochii jala jiru.
Sababa haala qilleensaa kanaan namootni 21 lubbuu isaanii dhabaniiru. Duuti kun kan galmaahe Teneesee, Teksaas, Kentaakiifi Luuziyaanaa keessatti.
Kaaba Kaarolaayinaatti obomboleettii cabbii makateen ganama Kibxataa namootni sadii du'anii 10 kan ta'an miidhamaniiru. Aanga'oonni lubbuu baraaruun ammallee itti fufuu himu.
Akka dhaabbanni haala qilleensaa biyyaalessaa, NWS, jedhutti US dhibbeentaan 73 cabbiin uwwifamtee jirti.
Haalli qilleensaa kun Kibba Ameerikaattis ce'eera. Kaabaa fi gidduugaleessa Meeksikootti sababa kanaan namootni miiliyoonaan lakkaawaman guyyaa lammataaf tajaajila ibsaa malee jiru.
Dhaabbatni tajaajila ibsaa to'atu kutaalee bulchiinsaa 12 keessatti tajaajilli kun dabareen akka dhiyaatu beeksieera. Ulaan gaazii daddabarsu cabbiin waan duudeef daddabarsa gaazii US irraa gara Meeksikoo danqee jira.
Pireezidantiin US Joo Baayidan isteeta Teeksaas waggoota 30 keessatti haala qilleensaa hammaataa akkasii keessummeesitetti labsii yeroo muddamaa labsaniiru.
Teeksaas qorra zeeroo gaditti digirii seelisheesii -18C keessa jirti.
Bubbee fi cabbiin baattuu sarara anniisaa elektirikaa jigsee waan jiruuf namootni miiliyoona 4.3 ta'an tajaajila ibsaan ala jiru.
Humni ibsaa amma jiru Hospitaalota, waajiraalee Poolisii fi ittisa balaa ibiddaaf qusatameera.
Rakkoo ibsaa kana kan hammeesse bubbee jabaan buufata bubbeerraa anniisaa maddisiisu miidhuu isaati. Bubbeen madda anniisaa biyyattii isa lammataati.
Daandiin cabbiin guutamee jiru balaa tiraafikaaf sababa waan ta'eef namni yoo danda'e imaluu akka dhiisu gorfameera.

Madda suuraa, Getty Images
Hiyuustanitti daandiiwwan 120 ta'an Dilbata qofa caccabuun isaanii gabaafameera.
Buufatni Xiyyaaraa Interkontinentaal Joorji Buush fi Hobby Airport kan magaalittii keessatti argamu yoo xiqqaate hanga Kibxata sa'aa boodaatti cufamaniiru.
Hiiyustanitti miseensonni maatii namootni lama o'a argachuuf jecha konkolaataa isaanii mana jala dhaabuun baatirii isaa bananii turan Kaarbon Monoksaayidiin faalamaniiru shakkii jedhuun du'anii argamaniiru.
Foort Woorth magaala jedhamuttis akkasuma maatiin Kaarbon Monoksaayidiin faalamuun shakkaman hosptalaa galaniiru.
Buufatni fayyaa talaallii koronaa doozii 8,000 qabu humna ibsaa waan dhabeef talaalliin kun gara bakka ibsaan jirutti akka geeffamu ta'eera.













