Liivarpuul barana piriimiyeer Liigii injifachuuf carraa fixateera jedhan Kiloop

Leenjisaa Liivarpuul Jaargan Kiloop

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Liivarpuul kaleessa Leestar Siitiin erga injifatamee kan dubbatan leenjisaan kilabichaa Jaargen Kiloop barana qabsoon piriimiyeerliigii irra deebiin injifachuu xumurameera jedhan.

Liivarpuul Sanbata xiqqaa kaleessaa Leester Siitii kan amma sadarkaa lammaffaatti ol dhufeen 3-1'n injifatamuun taphoota walitti aanan torba taphate keessaa shan injifatameera.

Liivarpuul hanga daqiiqaan 90 dhumuuf daqiiqaan 10 hafutti goolii Mohaammad Saalaan kubbaa bareeda Fermiinihoorraa argate lakkoofsiseen dursaa ture.

Sana booda dogoggoroota goolii eegaafi taphattoota ittisaan gooliiwwan sadi itti lakkaawamaniin qabsoo liigicha irra deebiin injifachuun kabaja eegsifachuun ala ta'e.

Amma Liigicha qabxii 53'n kan dursaa jiru Maanchistar Siitiirraa qabxii 13'n fagaatanii sadarkaa afraffaarra jiru, sanuu osoo Siitiin tapha tokko harkaa qabuu.

Leenjisaan Kilabichaa Kiloop ''garaagartummaa kana dhiphisuu waan dandeenyu hin se'u. Waayeen liigicha injifachuu nu hin yaachisu. Nu gowwoota miti'' jedhan.

Kilabicha bara darbe yeroo kanatti qabxii kuufatee ture irraa amma qabxii 24'n hanqatee argama.

Siitiin garaagarummaa qabxii 7'n liigicha dursa

Liigichi jalqabame torbanoota turan keessatti akka gaarii kan hin turre Maanchistar Siitiin si'ana taphoota walitti aanan hedduu osoo hin injifatamiin itti fufuun amma Piriimiyeer liigii Ingiliiz osoo tapha tokko harkaa qabuu qabxii torbaan dursaa jira.

Sanbata xiqqaa kaleessaa taphni guddaan Tootanhaam Hootisper waliin si'oominaan eegamaa tures injifannoo Siitii amansiisaa ta'e 3-0 xumurame.

Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaan tapha injifannoo kaleessaa keessatti taphataa hamilee garee isaa jabeesseefi sochii gaarii agarsiisuun goolii lama lakkoofsise Ilkay Gundoganiin jajaniiru.

Lamaffaarra kan jiru Maanchistar Yunaayitid tapha Westi Biroom waliin tapahatu yoo injifate Siitii irraa qabxii shaniin fagaatee qabsoo Shaampiyoonaa ta'uu itti fufa.