Liivarpuul: Jaargen Kiloop kilabichatti 'nama biraatu murtoo jijjiirraa taphattootaa dabarsaa jira' jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Liivarpuul Jaargen Kiloop jijjiirraa taphattootaa ilaalchisee ''nama biraatu murteessaa jira'' jedhe.
Shaampiyoonaan Pirimeer Liigii bara dabree, taphattoonni jalaa miidhamanis, yeroo jijjiirraa taphattootaa ji'a Amajjiitiin taphataa tokkoyyuu hin mallatteessisne.
Ittisaan isaanii Varjil vaan Daayik fi Joo Gomez yeroo dheeraaf taphaan ala tahaniiru. Jifataan isaanii Diyoogoo Jootaas dhiyeenya kana ''yoo xiqqaate torban jahaaf'' taphaan ala taheera.
''Gabaa jijjiirraa kanaan waa gochuuf murteessuu hin danda'u,'' jedhe Kiloop.
Erga Liivarpuul gaafa Kamisaa dirreesaanii Anfild gubbaa Barnileen 1fi 0n mo'amanii booda yaada kennaniin, leenjisaan lammii Jarman kun ''murtoowwan kunniin murtee koo miti,'' jedhaniiru.
Guyyaa ittaanu (Jimaata) wanti jechuu barbaadan maal akka tahe kan gaafataman Kiloop: ''Kun waanuma amma dura turedha. Nama biraatu murteewwan kanniin dabarsa,'' jedhan.
''Guyyaa guyyaatti dhimmoota kanniin irratti ni haasoyna. Maal fooyyeessuu qabna kan jedhuufi yaada garaagaraa waliif qoodna. Tahus garuu, maallaqa baasuu hin danda'u. Baasees hin beeku.
Nama burjaajessuu hin barbaadu. Waanin jechuu barbaade jedheera.''
Liivarpuul Waancaa FA Cup marroo afraffaaf gara Old Trafford deemuun Maanchistar Yunaatid waliin guyyaa Dilbataa taphata. Achiin boodas tapha Pirimeer Liigiin, torban ittaanu gaafa Kamisaa gara Totanihaam imaluun morkii taasisa.
Liivarpuul dirreessaanirrati otoo hin mo'amin tapha 68 yookaan waggaa sadii ol dabarsanii, gaafa Kamisaa Barnileen injifatamuun milkiin isaanii xumura argate
Yeroon jijjiirraa taphattoottaa kilaboota Pirimeer Liigiifi 'English Football League' keessa jiraniif gaafa Guraandhala 1 (February) 2021 goolabama.

















