US godaantoota kumaatama Meeksiikootti danqamanii jiran akka seenaniif hayyamuuf

Maxxanfame

Bulchiinsi Baayidan godaantoota kuma kudhanii dahoo gaafataa jiran, kanneen Meeksiikoo keessa akka turaniif dirqisiifaman wal jalaan akka seenaniif hayyamuuf.

Torbaan dhufuu keessatti namoota kuma 25n adeemsi murtee kana hojiirra oolchuu kan eegalu ta'uus himameera.

Baqattoonni kunneenis osoo buufataalee daangaawwan sadanii keessaan akka seenan hin hayyamamiiniif dura akka galamaa'aniifi qorannoo Covid-19 erga darbanii gaafatamu.

Tarkaanfiin kunis imaammata pirezidaantii duraanii Tiraamp baayyee qeeqamaa ture kan geedareedha.

Sagantaan Pirotokoliiwwan Eeguumsa Godaantootaa kunis bara 2019tti kan bahee yoo ta'u, goodaantoonni gara US akka hingalle kan dhurku.

Seerichis baqattoonni karaa Kibbatiin dhufan hanga dhimmisaanii manneen murtii USn dhagahamuutti akka Meeksiikoo keessa turan gaafata.

Haata'u malee Joo Baayidan filannoo ma'aatanii guyyaa jalqaba waajjiira itti seenaniitti ture imaammata kan kan kaasan.

''Akkuma Pirezidaanti Joo Baayidan ifa taasisaniitti, Motummaan US sirna baqattootaa nagaa, seera qabeessaafi naanusa qabu deebiisee ni ijaaruu qophaa'aadha,'' jedhan Barreessaan Dhimma Biyya Keessaa Aljaandroo Maayorkaas.

Bulchiinsi Baayidanis dqaxxaamurawwan aangaawwan lamaan guyyaan dhimma namoota 300 keessummeessuun akka eegaluuf karoorfateera. Qaxxaamurrii inni sadaffaan namoota muraasa qofaa akka fudhatu APn gabaaseera.

Godaantoonnis akka manneen murtii magaaloota dhiheenya isaaniitti argamutti ykn bakka dhuma gahaniitti maatii isaanii waliin dhiyaataniif beeksiis akka kennamuf aanga'oonni himan.

Haaluma walfakkaatunis, ''namoonni marsaa jalqabaa kanaan akka seenaniif ulaagaa hingunne qajeelfama biraa eegachuu malee gara daangaa deemuu hinqabaatan'' jechuun akeekkachiisaniiru Mr Maayorkaas. Kunis sababii namoonni baayyeen karaa seeraan alaatiin daangaa qaxxaamuru barbaadu malu ta'a jedhan.

Ibsi Jimaata kaleessaa kunis baqattoota kaampii Meeksiikoo magaalaa Maataamoors kaasee hanga Teeksaasiitti argamaniif gammachu olaanaa umeera.

''Dhuggaa dubbachuu, amm maal akka natti dhagahamaa jiru ibsuuf jecha hinqabu!'' baqattuun biyya Saalvaadoraan, Saandraa Andraade. Isheen waggaa tokkoon oliif Meeksiikoo keessa turu madda odduu Rooyitarsiitti himte.

Magaaloon daangaa bakki baqattoonni baatiiwwan keessa turaniitti yakkiiwwan garmalee dabalaa dhufeera.

Bara darbe keessa dhaabbanni mirga namoomaa 'Charity Human Rights First jedhanu ''maatiiwwan, daa'immaniifi gaheessoon deebiifaman haala balaafamaa hamaa keessa jiru. Baayyeen isaanii buutamuun, miidhaan irra gahaa, saalaan miidhaa, dorsiifamaa fi gara jabummaan biraa irratti raawwataa jira,'' jedhee ture.