Baayidan fandii ijaarsa dallaa daangaarratti Tiraamp jalqabsiiseef haqe

Ijaarsa keenyaa daangaa Arizonaatti gaggeeffamu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Pirezidaantiin Ameeriikaa Joo Baayidan maallaqa biyyattii pirezidaantiin duraanii Doonaald Tiraamp ijaarsa dallaa daangaatiif fayyadamaa turan haqan.

Baayidan xalayaa Kamisa kaleessaa Kongirasiif barreessaniin, ajajni kana duraa ''sirriin kan hintaanee'' fi kanaan booda doolaarri gibiraa ijaarsa dallaa daangaa kanaaf bahu hinjiraatu jedhan.

Tiraamp garuu bara 2019tti ture karaa kibba daangaa biyyatiin labsii yeroo muddamaa labsuun osoo Kongrasiin hinragaasisiiniif fandii waraanaa ijaarsichaaf oolchuu kan eegalan.

Wayita Tiraamp waajjira gadhisaniittis doolaarri biliyoona 25 ol ta'u pirojaktii ijaarsa dallaaa daangaa kanaaf baasii taasifameera.

Tarkaanfiin pirezidaant Baayidan amma fudhatan kunis tarkaanfii ajajawwan raawwii hojii muummee ajandaawwan pirezidaantii duraanii duubatti deebiisuuf dabarsuuf kennan haaraa keessaa tokko.

Torban darbees Baayidan maatiiwwan godaantootaa imaammatawwan Tiraampiin adda qoodamanii turan walitti deebiisuuf ajaja mallatteessanii turan.

Xalayaa isaanii Kamiisaa kana keessattis. Mr Baayidan qabeenyaawwan ijaarsa dallaa daangaa kanaaf akka oolan taasifaman hundi akka xinxalamaniif nan gaafadhas jedhan.

Daangaa ijaaruun qabiyyee duula pirezidaantummaa na filadhaa Tiraamp kan bara 2016 ture.

Haata'u malee, pirojaktiichii warra Dimokraatootaatiin mormii olaanaa mudatee kan ture yoo ta'u, pirezidaantiin Riippablikaanoota irraa ta'e Tiraamp garuu fandii ijaarsa kanaatiif aangoo kan yeroo muddamaa akka fayyadamu labse.

Labsiin yeroo mudamaas pirezidaantoota Ameerikaa akka adeemsa siyaasaa cabsuun fandii waraanaa argatan dandeessisa.

Waliigalattis dallaan sun gara dheerina Km 1000 ta'u osoo Tiraamp bara 2017tti pirezidaantii hinta'iin dura kaa'amee ture.

Bara aangoosaatti ammoo ijaarsii dallaa kun maayilii 80 haaraa ijaaruun kanneen duraan turan maayilii 400 ammoo caasaa haaraan akka bakka bu'u taasiseera.

Joo Baaidan

Madda suuraa, Getty Images

"Waa'een yeroo muddamaa Tiraamp kan waa'ee nageenyaa hinturree,'' jechuun tiwitara barreessaan bakka bu'aan Dimokraatota Arizoonaa Raawul Grivaalvaa. ''Amma waliigaltee isaa haquun akka lammata ijaarsii daangaa kan biraa hiin gaggeefamne taasisu qaban,'' jedhan.

Gorsaan duula na filadhaa Tiraamp duraanii Jaason Miiler gama isaniin yaada tiwitar irratti kennaniin, ''Baayidan baqattoota seera qabeessoota ni jaalatu,'' jedhan murtee taasifamee ilaalchisuun.

Haata'u malee, gartuun imaammata baqattoota bulchiinsa Tiraamp akkuma jiraniitti ni turu.