Kameel Ahimadii: Hayyuun Biriiten Iraanitti hidhamuuf ture miilaan gaara qaxxamuree UK gale

Madda suuraa, Kamiil Ahmaadiy
Hayyuun lammii Biriiteen kan Iraan hidhaa waggaa sagaliin biyya ishee keessatti adabuuf turte, haala akkamiin miilaan gaarota irra deemee akka UK galuun jireenya haaraa jalqabe BBCtti himeera.
Kameel Ahimaadiiy ji'a lamaan darbe mootummaa rakkoo uumu waliin wal deeggarta jedhamuun himatame. Himannaan kans dhara jedheera.
Yeroo wabiin bahetti baduun adabii itti murtaaf iyyata gaafachuuf murteesse.
Mr Ahimadii humnoota warraaqsaa jedhamuun kan beekaman humna eegumsa addaa Iraan jalaa miliquuf gaarreen naannoo daangaa jiran irra miilaan qaxxaamure.
Mr Ahimadii Lixa Iraanitti kutaa Kurdish keessatti dhalate. Haa tahu malee maatiin isaa yeroo umuriin isaa waggaa 18 guutu barnootaaf jecha gara UKtti isa ergan.
Yuunvarsiitii Keenti keessatti barachuun waggaa dheeraa achuma jiraachaa ture. Antiropolojistii tahee osoo gara Iraanitti hin deebi'iin duras lammummaa Biriiteniif iyyatee ture.
Qorannoon isaa gaa'ila umurii malee fi dhaqna qabaa dubartootaa Iraan keessaa irratti xiyyeeffata.
Umurii dubartoonni itti heerumuu danda'u jedhamee amma taa'e waggaa 13 irraa dabaluu qaba jechuun duula gaggeessaa waan tureef ija qondaalota mootummaa keessa galeera.

Madda suuraa, EPA
Ganama tokko Hagayya bara 2019 keessa namni tokko poolisiidha jechuun gara mana isaa Teeraan jiruu dhaqe. Yeroo inni mana banuuf humnootni Eegdota Warraaqsaa Iraan [Revolutionary Guards] jedhaman 16 tahan mana isaatti nam'ani.
To'annoo jala oolchuun gara mana hidhaa suukaneessa tahe Evin jedhamuutti geessan.
Kameel Ahimadii kan irratti xiyyeeffatameef lammumaa biyyoota lama waan qabuuf osoo hin taane Biriiteen taankerii boba'aa Iraan qarqara Jibilaartar tureefi qoqobbii Gamtaa Awurooppaa cabse jedhamuun shakkame waan fudhatteef ijaa bahachuuf jedhe.
''Lammii biyya lameenii tahuun yeroo hundumaa sababa guddaa taha'' jechuun BBCtti hime.
"Hogganaan qorataan koo tokko 'ati nama baay'aa barbaadamaadha' na jedhe. Sababni isaa ani Kurdishidha. Hordoftoota amantaa Islaamaa Sunnii kan irra jireessa Shiyaa Iraan ittiin beekamtu waliin wal mormu keessaan dhufe. Ani qorataa dhimma ijoo tahe irratti qorannoo gaggeessuudha. Sanuu qorataa akkasumaanii osoo hin taane nama qorannoo isaa hojii irra oolchuun hubannoo uumuuf itti fayyadamudha.''
Ji'oota sadii mana hidhaa Evin akka inni jedhetti bakka qorattootni isaa tapha sammuu irratti taphatan keessa ture.
Na doorsisan, sadarkaa dhala namaatti gaariidha. Haa tahu malee hamminaa fi yaad-rimee 'adabbii-adii' jedhamuun beekamuu kan dhiibbaa xiin-sammuu sirraan gahan salphisee hin ilaalu jedhe.
Taphootni kunneen sadarkaa sadarkaan kan taphataman yoo tahu akkataatti dhiibbaa dabalataa suuta suuta sirraan gahan sirritti leenji'aniiru.
''Taphoota sammuu baay'eetu jiru. Akkuma daldalaati. Kana naaf kennita sana siifan kenna, bilbilaan yeroo xiqqoo haasa'uun qorattota kee waliin waliigaltee uumuu qabda. Waan nama gaddisiisuufi jibbisiisudha''
Ji'a sadiin booda yeroon qorannoo osoo hin gahiin gadhiifame garuu itti dhiyeenyaan hordofamaa ture. Ji'a Muddee darbe keessa Mr Ahimaadiy mootummota balaafamoo waliin hojjeta jedhamuun himatame. Himaticha haaleera.
Abukaatoon isaa dhaabbatni tola ooltummaa inni yeroo tokko hojii hojjeteef fandii mootummaa Ameerikaa irraa ture kan argate jedhe. Himatni biraan ammoo jaallatoota saala wal fakkaatoo qorannoowwan jajjabeessan hojjetaa ture jedhamuuni.
Hidhaa waggaa sagalii olii fi adabbii maallaqaa £500,000 tahutu irratti murtaa'e. Haa tahu malee yeroo wabiin bahetti miliquuf murteesse.
Akkamiin miliqe?
Akka jedhetti: ''Ol iyyannichi kufeera. Yeroo kanadha kaniin miliquuf murteesse. Sababni isaas mana hidhaa keessa waggoota kudhan turuun ilma koo guddataa deemu achi taa'ee ilaaluun koo natti mul'achuu dide. Silaa yeroon an gadhiifamutti ilmi koo mucaa waggaa 15 tahuu isaati.''
Kanumaan maatii isaa irraa kan hafe nama kaanitti osoo hin himiin icciitiin deeme. Miillaan gaarota irra qaxxaamuruun miliqe.
''Calliseeman bahe. Borsaakoo meeshaa rifeensa haaddus dabaleen saamsadhe. Laappitooppii tokkoo fi kitaabota koo muraasa fudheen bahe.
Uffata qorraa ittisus qabadheera. Gaara sanarra akkan of dabarsuu qabu bareera. Baay'ee qorra, fagoodha, Dukkanadhaa fi sodaachisaadha.''
''Wantootan jaalladhu hundumaa, hiriyyotan waliin hariiroo qabu fi warreen hojjetaa ture hundumaa dhiiseen bahe. Kan nama gaddisiisuu fi sodaachisaadha. Osoon qabameera tahe mana murtiittan dhiyaadha. Sana booda maaltu tahuu akka malu waaqa beeka.
Murtoo baay'ee ulfaataadha.Miira namaa miidha. Qaamaa fi xiinsammuun miidhaa qaba. Deemsa filannoo koo ala tahedha. Na dhiibanii na baasan. Nama gaddisiisa.''
Mr Ahimadiy Biriiten keessatti hojii malee fuuldureen isaa maal akka tahuu malu hin beeku.
''Waanan gochuu barbaaden godhe. Mana hidhaa waggaa kudhan turuu hin danda'u. Ala yoon jiraadhen bu'aa buusa. Maatiikoof itti gaafatamummaan qaba.''
Gaaffiin jiru Teeraan deebii akkamii kennuu malti kan jedhuu fi dhiibbaa namoota lammummaa lama kan Iraanii fi Biriiten qaban irratti qabaachuu danda'u maal taha jedhudha.














