Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Yaman: Baayidan deeggarsa tarkaanfii oppireeshinii Yamaniif taasiftu dhaabuu himan
Ameeerikaan deeggarsa oppireeshinii haleellaa Yaman keessatti waggoota jahan darbaaniif riphee loltoota Huutii irratti taasisaa turte dhaabuuf.
Sababii waraana kanaatiinis namoonni kuma 110 ol ajjeefamuutu amanama.
Jijjiramni imaammataa pirezidaantii Joo Baayidaniin taasifamee kunis gorsaa nageenya biyyaaleessaa isaatiin Kamisa kaleessaa kan himame.
Waraanni Sa'uudii Arabiyaan hooggannamee riphee loltoota Huutisii kan Yeman keessaa irratti gaggeeffamu kunis aanga'oota Ameerikaa Baayidaniin dura turan lamaan deeggaramee jira.
Lolli kunis lammiilee Yaman miliyoonotaan lakkaa'aman beelaaf saaxileera.
Lolli kun bara 2014tti mootummaa Yaman dadhabaa fi sochii riphee loltoota Huutii jidduutti eegale.
Waggaan booda babal'achuun walta'insi Sa'uudii Arabiyaafi biyyoota Arabaa saddeetii kan Ameeriikaa, UK fi Faransaayiin deeggaramee Huutisii irratti haleellaa karaa qilleensaa eegalan.
Murteen kuun maal jechuudha?
Akka Gorsaan Nageenyaa Biyyaaleessaa US, Jaak Sulivaan Waashingtan keessatti ibsaniitti,murteen kunis deeggarsa US tatkaanfii oppareeshinii waraan motummaa Yamaniifi Huutisii ni miidha jedhan.
Akkasumas oppareshinicha gara al-Qaa'idaa kan qarqara galaanaa Arabiyaan Peensuulaa keessattis hindheereeffamus jedhan.
Mr Baayidan booda keessaa ergamaa addaa Yamaniitti beeksiian eegamaa jiru. Bulchiinsi Baayidan gurgurtaa meeshaa waraanaa Saawud Arabiiyaafi UAE yeroodhaaf dhaabeera.
Kunis adeemsa bulchiinsa Mr Tiraamp kan waltaiinsa Saawudiin hoogganamuuf deeggarsa dabalee irraa jijjiirraa kan agariisuudha.
Baatii darbe keessa bara bulchiinsa Tiraamp Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa kan turan Maayiik Poompewoon Huutisiin akka ''dhaabbata shororkeessaatti'' beeksiisee ture.
Kaayyoon isaa Hutsii daangaa darbee haleellaa raawwatatuuf itti gaafatamaa taasisuufi 'sochii hammeenyaa' deeggaraa isaanii Iraan raawwattu dhaabuuf ture jedhan.
Dhaabileen deeggarsaa sochiicha akka isaan naannicha miliyoonni deeggarsa nyaata atattamaa itti barbaadan keessa akka hintochoonee dhorka jechuun qeeqaa turan.
Torban darbe ammoo, bulchiinsi Baayidan dadabarsawwan Hutisii keessatti hirmaate qoqophaa muraasa irraa bilisa akka taasisuu himeera. Bilisa yeroo itti ta'anis Guraandhala 26 xumurama.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhetti Yamann biyya uummanni ishee harki 80 deeggarsa nyaataa barbaaduufi biyya balaa namoomaa cimaa keessa jiruudha jedheera.