Ameerikaan shororkeessummaa irratti akeekkachiisa biyyaalessaa baafte

Maxxanfame

Namoonni bu'aa filannoo Sadaasaatiin gammadoo hin taane biyya keessatti gocha shororkeessummaa raawwachuu malu jechuun ogganooti nageenyaa Ameerikaa akeekkachiisa jabaa baasan.

Ministeerri nageenya biyya keessaa US akka jedhutti Amajjii 6 deeggartoonni Tiraamp, US Kaappitol humnaan cabsanii seenuun namoota ilaalcha fiinxaleessummaa qaban gocha shororkeessummaaf kakaasuu mala.

Akeekkachiisi bahe akka agarsiisutti haleellaan shororkeessummaa "namoota taayitaa mootummaa hin fudhanneen" raawwatamuu mala.

Haata'u malee ifatti gocha shororkeessummaa akkanaa jechuun waan hime hin qabu.

Haleellaan gamoo seera baastotaa ykn US Kaappitol irratti raawwatame wayita koongirasiin Ameerikaa injifannoo Baayidan mirkaneessuuf walgahetti ture.

Haleellaa kana dura pireezidantiin duraanii Donaald Tiraamp deeggartoota isaa kumaatamaan lakkaa'aman Waayit Haawusiin alatti walitti qabuun filannoon hatamuu ragaan hin deeggaramne itti himaa ture.

"Akka gaariitti hin falmattan yoo ta'e, amma booda biyya waan jedhamu hin qabaattan," jedheen.

Sana booda deeggartoonni isaa gara gamoo Kaappitol deemuun eegumsa humnaan cabsanii gamoo san weeraran. Poolisii tokko dabalataee namoonni shan hokkora uumameen du'an.

Kanaafis jecha Tiraamp mana maree bakka bu'ootaatiin aangoorraa akka buqqifamu himatame. Seeneetiin biyyattii himata kana baatii itti aanu dhaggeeffachuu eegala.

Donaald Tiraamp pireezidanti Ameerikaa al lama aangoorraa akka buqqifamu himatame yoo ta'u, yoo seeneetiin itti mure lamuu aangoo mootummaaf akka hin dorgomne dhorkamuu mala.

Akeekkachiisi bahe waan biraa maal jedha?

Akeekkachiisi Roobii bahe akki jedhu; "sirna kakuu milkiin xumurameen booda torbanoota jiran" haleellaan shororkeessummaa raawwatamuu akka malu ministeerri nageenya biyya keessaa ni amana.

"Odeeffannoowwan akka mul'isanitti, namoonni yaadama qaban irraa ka'uun fiinxaleessummaa hokkoraan deeggarametti amanan, kanneen taayitaa mootummaa fi walharkaa fuudhiinsa aangoo pireezidantummaa morman akkasumas kanneen odeessa sobaan afarfamuun dheekkaman hokkora kakaasuu fi raawwachuu malu," jedhe.

Namoonni akkanaa haleellaa gamoo Kaappitol irratti raawwatameen hamilee argatanii aanga'oota mootummaa reefu filataman akkasumas qabeenya mootummaa irratti qiyyaafachuu danda'u jedha.

Lammileen of eeggannoo akka godhanii fi waan shakkii namatti uumu yoo argan poolisiif gabaasa akka godhan hubachiifamaniiru.

Ministeerichi akeekkachiisa akkanaa erga baasee bubbuleera.

Haleellaan US Kaappitool guutuu biyyattiitti rifaatuu guddaa uume. Aanga'oonni battalatti hojii namoota yakka raawwatan adda baasuu fi to'annoo jala oolchuutti seenan.

Abbootiin alangaa akka jedhanitti amma dura shakkamtoonni 400 adda baafamanii, 135 kan ta'an to'annoo jala oolfamaniiru.

Warri Kaappitool weeraran 'Telegram' irratti galateeffaman

Reegan Mooris, BBC News Los Anjalas

Mootummaan namoonni haleellaa Amajjii 6 gamoo Kaappitol irratti raawwatameen kaka'anii gocha shororkeessummaa raawwachuu malu jedhee akeekkachiisullee, namoota lakkoofsi isaanii muraasa hin jedhamne biratti kanneen hokkora US Kaappitol irratti hirmaatan "gootota jaalala biyyaa qaban" jedhamanii faarfamu.

Marsaa hawaasummaa 'Telegram' irratti kanneen Kaappitol weeraran akka loltoota bilisummaa fi goototaatti faarfamu.

Deeggartoonni Tiraamp irra hedduun 'Twitter' fi 'Facebook' irraa waan ugguramaniif gara 'Telegram' cehan.

Garee 'Telegram' kana keessatti yaadotti miidhaa namarraan geessisuu mala hedduutu haasa'amu. Eenyu nama sirrii eenyu ammoo boot ykn teknoloojii ofiin deebii deebisu akka ta'e hin beekamu.

Wantoonni achitti barreeffaman hedduun jibbaan kan guutamanidha. Taateewwan seenaas ta'e haala qabatamaa amma jiru hin fudhatan - hokkora jajjabeessu.

Namoonni kana barreessan hedduun deeggartoota dhugaa Donaald Tiraamp warra ammallee pireezidantii kan ta'uu qabu isa jedhanii amanani.