Talaallii Covid: Hoogganaan kaampaanii tirgaa dabareesaa dura talaallii Covid fudhachuun dheekkamsa kaase

Yukon territory, northern Canada (file pic)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bulchiinsi Yukoon bal'ina lafaa guddaa kan qabu oggaa tahu, nama xiqqaatu keessa jiraata
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Hoogganaa olaanaan kaampaanii tirgaa ykn qumaaraa, inni fi haati warraasaa talaallii Covid argachuuf angawoota sobaniiru jedhamanii himataman, booda hojii gadhiise.

Namni ganna 55 Rod Baker jedhamuufi haati warraasaa Ekaterina kan gannishee 32, talaallicha argachuuf gara bulchiinsa fageenyatti argamtu Yukon jedhamtutti imalan.

Dhaabbanni inni hooggannu Great Canadian Gaming Corp jedhamu kun, gatiinsaa doolaara biiliyoona lamatti tilmaamama.

Bulchiinsi saboonni durii keessatti heddummaatan kun, talaallii saffisaan kennuun bulchiinsota Kaanaadaa kaan caaluu ragaan ni mul'isa.

Lameen kun hojjettoota hoteelaatti of fakkeessanii dhiyaatanii kan turan yoo tahu, boodarra garuu namoonni eenyummaa isaanii baran.

Akkitti bira gahanis, erga jarri talaallicha fudhatanii booda kallattumaan gara buufata xiyyaaraa nu geessaa jechuusaanii ture.

Taateen kun kan mudate hawaasa xiqqoo bakka Beaver Creek jedhamtutti yogguu tahu, kutaa biyyaa Ameerikaa Alaaskaa wajjin wal daangessa.

Lameen kun Vaankuvar irraa gara magaalaa Waayit Hors jedhamtutti kan imalan xiyyaara dhuunfaan ture.

''Amala ofittummaa kanatti daran aareera,'' jedhan Ministirri naannichaa John Streicker jedhaman.

''Namni nama kaan dogoggorsuuf fageenya haga kanaa deema jennee tasumaa hin yaadne,'' jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Kaampaaniin qumaaraa Great Canadian Gaming Corp (GCGC) ibsa BBCf egeen, erga guyyaa Dilbataa qabee Aabba Beekar kaampaanicha wajjin qunnamtii kamuu akka hin qabaanne himeera.

Dabaluunis kaampaanichi ''gochaalee kaayyoofi duudhaa isaa wajjin hin deemne kamuuf obsa hinqabu,'' jedhe.

Akka miidiyaaleen Kaanaadaa gabaasanitti, haati warraasaa Ekaterinan taatoo fiilmii Raashiyaatti dhalatte yogguu taatu, fiilmota kanneen akka "Fatman" fi "Chick Fight" jedhaman gubbaa hojjetteetti.

Waamicha 'adabbii hidhaa'

map

Dureen saboota durii naanichaa Anjelaa Demit waan jedhanii Facebook gubbaa barreessan: ''Gochaa ofittummaa kan maanguddoo fi namoota saaxilamoo keenya balaarra buuse kanatti yaaddoo guddaatu nutti dhagahame,''

''Nuti heddumminaan hawaasa durii (indigenous) waan taaneef, akka waan hin beeknetti nu lakkaa'uun isaanii ifadha,'' jechuunis Washington Post'tti himan.

Qabeenya isaaniin walbiratti yoo madaalamu, adabbiin qarshii doolaara kumoota muraasni daran bicuudhas jedhan.

Ogeettiin Janet Vander Meer jedhamtu naannichatti dhimma koronaavaayiras kan hooggantu ammoo, ''gochaan lameen kun godhan, hacuuccaa dureeyyiin saboota duriirratti taasisaa jiraniif fakkeenya biraati,'' jette.

''Maaguddoon Beaver Creek umriin jaaran kan ganna 88, kutaa jarri lameen kun turan keessa turan,'' jechuun miidiyaa Global News jedhamutti himte.

''Kun adabbiin isaa hidhaa tahuu qaba. Kan kanarraa gadii tahuu hin qabu. Guyyoota muraasa dabran keessa haalli hawaasni keenya dabarse cimaadha. Kun ajaa'ibuma natti tahe.''

Akk gaazexaan New Hamburg Independent gabaasetti, lameen kun gara buufata xiyyaaraa Beaver Creek'tti miilumaan kutan.

Maaliif jennaan, jiraattonni magaalaa jiraattota 125 qabduu kun marti, gara buufatichaa geessuu didan.