Baagidaaditti haleellaan boombii lakkuu lubbuu namoota 32 olii galaafate

Madda suuraa, Reuters
Haleellaan badanii balleessuu lama magaalaa guddoo Iraaq Baagidaad, iddoo daldalaa namoonni itti heddumatanitti qaqqabe lubbuu namoota 32 oli galaafachuun, namoota 100 madeessuu qondaaltonni biyyatti himan.
Namoonni haleellaa badanii balleessuu qaqqabsiisan lama gabaa uffanni keessatti gurguramu, addababaahii Tayaraan jedhamutti otoo qaamolee tika biyyattiin hordofamaa jiranii boombii dhoosan.
Haleellaan badanii balleessuu magaalichatti qaqqabaa turan keessaa si’a xumuraaf kana qaqqabe Amajjii, bara 2018tti addabaabahii Tayaraan irratti lubbu namoota 35 galaafatee ture.
Haleellaa qaqqabe sanaaf garuu qaamni itti gaafamummaa fudhate hin turre, ta’ullee gartuun Islaamik Isteet(IS)haleellaa kana raawwachuutti shakkama.
Mootummaan Iraaq waraana gartuu IS irratti labsame injifannoon goolabneerra jechuun xumura bara 2017tti labsatee ture.
Haata’u malee, gartuun hidhattoota kanatti hidhata qaban loote seentummaan haleellaa magaalotaafi qaamolee tika biyyattiirratti qiyyaafatu raawwachuu itti fufaniiru.
Dubbi himaan waraana Iraaq Yihihaa Rasool, haleellaa Kamisa qaqqabe ilaalchisuun yaada wayita kennan’’haleellicha of wareegadota lamatu otoo qaamolee tika biyyattiin hordofamaa jiranii, naannoo Babi Sharqi jedhamutti qaqqabsiise’’jedhan.
Namoonni haleellaa qaqqabsiisan gabaa uffataa iddoo namoonni walitti qabaman haleelluurratti qiyyaafatan.

Madda suuraa, Rooyitars
Viidiyoon iddoo balaan kun qaqqaberraa waraabamuun miidiyaalee hawaasaarratti gadhiifame akka agarsiisutti, boombiin inni lammataa iddoo namoonni muraasni walitti qabamanitti dho’e.
Viidiyoon waraabame kan biraan immoo dho’iinsa boombii hordofuun reeffa namootaa naannichatti bittime agarsiise.
Ambulaansonni muddamaan naannichatti fiigan namoota mada’aan heddu gara hospitaalota magaalichatti argamanitti geessaa turan.
Humnoonni waraanaa Iraaq IS erga injifatanii asitti magaalaa guddoo Iraaq Baagidaad keessatti haleellaan akkasii darbee darbee qaqqaba.
Humnoonni tika Iraaq gartuu walta’iinsaa US'n hoogganamuufi milishoota Iraaniin deeggarturraa gargaarsa argatu.
Hidhattoonni IS yeroo tokko lafa isquurii KM 88,000 baha Iraaq irraa amma Dhiha Siiriyaatti fulla’u to’achuufi namoota miliyoona saddeettitti dhiyaatan haala sukanneessan bulchuutti erga ce’anii booda waraanaan injifatamuusaanitu yaadatama.













