Koronaavaayiras: ፡Gosti Covid haaraa torbanoota dhufan keessa Ameerikaatti babal'achuu mala jedhame

Maxxanfame

Gosti koronaavaayirasii haaraa jalqaba Yunaayitid Kingidom (UK) keessatti argameefi saffisa guddaan tatamsa'u baatiiwwan itti aanan keessa Ameerikaa keessatti akka bal'inaan tatamsa'u aanga'oonni fayyaa dubbatan.

Wiirtuun To'annoofi Ittisa Dhukkuba biyyattii (CDC) akka akeekkachiisetti torbanoota itti aanan keessa gosti koronaavaayirasii haaraa kun "saffisa ol-aanaatiin" ni dabala.

Akka jedhametti taanaan, yeroo ammaa kana guutummaa biyyattiitti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii baay'ee dabaluun isaa yaaddessaa ta'ee osoo jiruu, gosti koronaavaayirasii kun ammoo yaaddoo biraa uumeera.

Akeekkachiifni kun kan bahe Jimaata guyyaa afur booda aangoo pirezedaantummaa biyyattii kan fudhatan Joo Baayidan karoora bal'aa talaallii babal'isuu dandeessisu ifoomsuu hordofeeti.

Aangoo qabatanii guyyoota 100 keessatti namoota miliyoona 100 talaalchisuuf karoora qabate milkeessuuf dhiyeessa talaallichaa jajjabeessuuf bulchiifni isaanii tarkaanfiiwwan dabalataa akka fudhatu himameera.

Akka karoora Joo Baayidaniitti wiirtuuwwan talaallii itti kennan gurguddoon ni hundeeffamu, ogeeyyiin fayyaa dabalataan ni qacaramu, kutaa hawaasa vaayirasichaan baay'ee miidhameef xiyyeeffannoo kennuun talaallichi hundumaaf kennama jedhameera.

Odeeffannoo akka agarsiisutti hanga ammaatti Ameerikaatti talaalliiwwan miliyoona 12.2 ta'u namootaaf kennameera. Talaaliin miliyoona 30 ta'u ammoo kutaa biyyattii keessatti rabsameera.

Ameerikaan biyyoota namoonni hedduun koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'e keessaa ishee duraa yoo taatu, namoonni miliyoona 23.5 ol ta'an vaayirasii kanaan qabamaniiru.

Isaan qabaman kana keessaas namoonni kuma 391 ta'an sababa dhibee kanaan lubbuun isaanii kan darbe yoo ta'u, du'aatii sababa Covid-19n Ameerikaan sadarkaa shanaffaarratti argamti.

Yeroo miidhaa dhibeen kun geessise kutaaleen bulchiinsaa Ameerikaa keessaa Kaalifoorniyaa keessatti sadarkaa hamaarra ga'uun isaa kan himame yoo ta'u, ji'a Sadaasarra kaasee namoonni sababa koronaavaayirasiin lubbuun isaanii darbu dachaan dabaleera.

Weerarri koronaavaayirasii waggaa har'aa ChaayiNaa, Wuhaanitti erga mul'atee booda, guutummaa addunyaa waliin gahee namoonni miliyoona 93 ol ta'an vaayirasii kanaan qabamaniiru. Namoonni dHIbee kanaan lubbuun isaanii darbes hanga Amajji 15, 2021 miliyoona lama darbeera.