Pireezidantii duranii Kooriyaa Kibbaatti hidhaan waggaa 20 murame

Madda suuraa, AFP
Manni murti olaanaa Kooriyaa Kibbaa pireezdaanti duraanii biyyattii Paark Gowuun-haay kan aangootti akka malee fayyadamuufi humnaan dirqisiisuun himatamte irratti hidhaa wagga 20 murteesse.
Jalqabaratti hidhaan wagga 30 irraatti kan murtaa’e ture yoo ta’u, murteen Kamisa taasifame kun murtee Adooleessa keessa yeroo hidhaashee hir’isuuf taasifame kan raggaasisedha.
Abbootiin alangaa murtee yeroo hidhaa hir’isuu kana mormuun iyyachuu yaalanii turani.
Pireezdaanti dubartii Kooriyaa Kibbaa kan jalqabaa kan turte Paark, himannaa malaammaltummaa hedduun bara 2017tti aangoo irraa kaafamte.
Dabalataanis Kamisa manni murtee adabbii maallaqaa doolaara miiliyoona 17 irratti murteesseera.
Pirezdaantiin duraanii kun biyya isheetti hoggaantu mala dimookraasiin filatamte sababa yakkaan aangoorraa kaafamte ishee jalqaba yoo taatu, himannaa kanaanis ogeessotni dhabbilee gurguddoo lama hidhaa bu’aniiru.
Jalqaba irratti hidhaan wagga 30 fi addabbiin maallaqaa doolara miiliyoona 18 irratti murtaa’ee kan ture yoo ta’u, boodarra manni murtii olaanaa yeroo hidhaa ishee malaammaltummaaf wagga 15, aangoo akka hin malleetti fayyadamuun ammoo wagga 5 irratti murteessuun hir’iseera.
Murteen Kamisa mana murtii olaanaa biyyattiin taasifame kun dhimma kanaratti murtee isa xumuraadha.
Maaliin himatamte?
Paark pireezdaanti Kooriyaa Kibbaa dimokraatawaan filatamtee aangoorraa kaafamte ishee jalqabaadha.
Bara 2018tti himannaa 18 irratti dhiyaate keessaa 16’n yakkaamtuu taate kan argamte yoo ta’u, hedduun isaa malaammaltummaa fi humnaan dirqisiisuu ture.
Manni murti akka jedhetti hiriyyaa ishee Choyi Soon-sil fayyadamuun hoggantoota dhabbilee gurguddoo akka Samsung fi dhabbati Lottee jedhamu dhaabbilee Choyiin gaggeeffamaniif doolora miiliyoona hedduu akka kennuuf dirqisiisaa turte.
Akkasumas dhaabbileen waligalteewwaan gurguddoo dhabbalee Choyii waliina akka mallateessaniif dirqiisiisu fi kennaa addaa addaa Choyii fi intalaa isheef kennuun himatamte.
Dabalataanis, odeeffannoowwaan pireezdaantii iccitii ta’an Choyiitti himuun Park himatamteetti.













