’Saalaan looguun yoo dhiiroti qaama furmaataa tahan malee hin dhaabbatu’

Maxxanfame

Dhiiroti baayyee wal-qixxummaa koorniyaa akka deeggaran dubbatu-qaama furmaataa tahuunis maaliif hin deeggaran ree?

Iyuujiin Haang feeministii (nama wal-qixxummaa koorniyaaf falmu) tahuusaatiin ni boona.

Barsiisaan herreegaa Kaalifoorniyaa jiraatu addunyaan kun ijoollee dubaraaf kan akkamiiti gaaffiin jedhu kan isa yaaddessuu jalqabe waggaa 14 har’aa yeroo intallisaa jalqabaa dhalatte dha.

Yeroo barataa kooleejii ture ijoolleen dubaraa mana kitaabaatii gara manaa yoo deeman akkatti rakkatan ni yaadata.

‘’Isaan qofaa deemuu yoo sodaatan, ani garuu nagumaan baheen gala ture. Akkan bilisummaa isaan hin qabne qabuufi sana hubachaa akka hin turre nan bare,’’ jedha Haang

‘’Akka nama hawaasa dhiiraaf loogu keessatti guddateetti faayidaa addatti argadhus hin qalbeeffanne ture,’’ jedha.

Boodarra kana hubachuun mirga dubartootaaf akka falmu isa godhe. Marsariitii Abbootii Feeministii Eshiyaa hundeessuun keewwata dubartoota aangessu barreessuu jalqabe.

Haang barreeffama mata duree garaagaraa qabu baasa. Fiilmiiwwan taatoo jabduu qabanii hanga pireezidantii itti aantuu Ameerikaa Kamlaa Heeriis fa’itti.

Barreeffamoonni baayyeen eeyyama gaafachuu, qoccollaa saalaa bakka hojii fi haleellaa saalaa ilaallatu. Haang amantii jabaa dhiiroti mariiwwan akkasii irratti hirmaachuu qabu jedhu qaba.

‘’Dhiiroti waan hubachuu qaban, haleellaan saalaa %90 dubartoota irra gahu dhiirotaan raawwatama.,’’ jedha.

‘’Yeroo hedduu kuni dhimma dubartootaati jedhamee yaadama. Garuu haleellaa ykn miidhamni sun dhiirotaan raawwatama taanaan,rakkoon unu bira jira jechuu dha. Kanaaf maaliif hin mari’annuree?

Yaadaa fi gocha

Ilaalchi dhiiroti wal-qixxummaa koorniyaa irratti qaban dhalootaa dhalootatti geeddaramee jira. Loogiin saalaan taasifamu garuu ammallee qaama jireenya guyyuu akka tahe dubbata.

Akka addunyaatti dubartoonni harka 23 hojii wal-fakkaataa hojjetaniif kan dhiiraan gaditti kaffalamaaf jedha ragaan UN.

Dubartoonni hojii mana keessaa fi kunuunsa maatiirratti sa’atii dachaa lama kan dhiiraa caalu dabarsu.

Biyyoota 100 caalan keessatti dubartoonni gosa hojii akka irratti hin hirmanne dhorkamantu jira.

‘’Kuni dhimma dubartootaa qofa miti jennee yoo yaadne waggaa meeqa dura fala argata ture silaa,’’ jedha Haang.

Dhimmoota kana furuun tumsa warra dhiiraa kan barbaadu tahus isaan garuu irratti hirmaachaa hin jiran jedha.

Maaliif dhiiroti kana caalaa hin hirmaanne?

‘Sodaa maal naan jedhuu’

‘’Dhiiroti ijoollummaarraa kaasee amala dubartootaa waan jedhamurraa akka fagaatan godhamaniitu guddatan,’’ jechuun marsariitii irratti kan barreesu immoo Ludoo Gaabri’eel dha.

‘’Kanaaf iddoo hojiifi aangoon jirutti yoo dubartii deeggarte akka gantuutti ilaalamta,’’ jechuun BBCtti hime.

Gaabri’eel waldaa MARC jedhamu kan dhiirota jijjiirama dhugaaf akka hojjetan jabeessu keessa hojjeta. Waldichi dhiirotiifi dubartoonni loogii saalaa iddoo hojii furuu akka danda’an deeggara.

MARC bu’aa dhaabbata qorannoo Catalyst jedhamuuti. Dubartoota hoggansaaf aangessuurratti waldaa kaayyefate dha.

Catalyst qorannoo 2020tti taasiseen dhiiroti Kaanaadaa 1500 tahan saalaan looguu iddoo hojiitti mul’atu dhaabsisuuf maaliif homaayyuu akka hin goone gaafatee ture.

Kanneen keessaa harki 86 amala loogii saalaa kana dhaabsisuuf fedhii qabu. Harki 31 immoo dhaabsisuuf tarkaanfii akka fudhatanillee ofitti amanu.

‘’Qorannoon keenya danqaawwan ijoo sadii adda baaseera: wallaalummaa,dhimma dhabuu fi sodaa,’’ jetti pireezidantiin dhaabichaa Aliiksaandiraa Poolaak.

Gama sodaatiin :’’dhiiroti biroo maal naan jedhu kan jedhu yoo tahu kaanimooo hiriyyootaa fi iddoo hojiitti kabaja dhabuu dha,’’

Gaabri’eelis: ‘’sodaan kun warra akka kee tahan keessaa fo’amuu sodaachuu, dhiirota biroofi keessumaa aadaa dhaabbataa sodaachisaa tahe cabsuu sodaachuu dha.

Haa tahu malee sodaan eessaan jalqaba jedhus jira. Sababiinsaa dhiiroti yaada gaarii qaban garummoo dogoggora hojjechuun qollifamuu hin barbaanne jiru.’’

'Battala waa siif ifu'

Rakkoolee kana furuuf MARC dhaabota biroo waliin tahuun hojjettoota leenjii yeroo gabaabaa fi waggaa tokkoof turu kenna.

Barsiisni kennamu jalqabarratti ‘namoota hin beekne’ xiqqoo gammachiisuu dhiisuu danda’a jedhe hirmaataan tokko.

‘’Garuu takkaa qaanofteet bira tarta,kunimmoo muuxannoo barnootaa gaarii dha,’’ jedhe.

Dubartiin tokko yeroo leenjii kanaa muuxannoo argatte himti, ‘’dubartoonni kana dura qoccollaan saalaa ykn amalli sirrii hin taane dhiirootaan isaanirra gahee beeka yoo taheef kutaa biraa akka galan gaafataman.

‘’Dubartoonni hundinuu kuticha galan. Mudannoon sun baayyee na barsiise. Dhiirri leenjii sana fudhate battala sana ni irraanfata jedhee hin yaadu,’’ jetti.

‘’Warra dhiiraaf dubartoonni hundi qocollaan saalaa nurra gahee beeka jechuun ajaa’iba ture. Waan hubatan natti hin fakkaatu garuu dhugaa lafa jiru dhas,’’ jette.

‘’Arba mana keessa jiru’

Dhiiroti kanneen akka Haangifi Gaabri’eel dhiiroti biroo ‘’qaama rakkinichaa tahuu baranii, qaama furmaataa akka tahan,’’ fedhu.

Mata dureen keewwata marsariitii Gaabri’eel ‘’falmataa mirga dubartootaa tahuufi maaliif akka barbaachisu,’’ jedha

Gaabri’eel keewwata marsariitii ‘Abbaa Dammaqaa’ kan barreessuu jalqabe erga intallisaa Soofiyaa bara 2017tti dhalatteen booda dha. Hojiisaa dhaabbata daariktara tahee hojjeturraa gadhiise.

Yeroos nama ganna 31 yoo tahu mana, haadhawarraa fi mucaa dhiiraa qaba. Garuu miira milkaa’inaa hin qabu,’ni gadadama ture.’

Boodarra, Gaabri’eel gammachuu dhabuunsaa kan dhufe ‘sanduuqa dhiiraa’ keessa jiraachuurraani jedha.

Dhiirummaan ilaalcha dhiphaa miira ibsachuu dhiisuu, hojiifi kabajaaf dhugaa ofii caalaa iddoo kennuufi gahumsa saala faallaa ija shakkiin ilaaluu dha jedha.

Qorannoon dhaabbata Men+Care and Promundo kan dhiirummaa fayyaalessa tahe jabeessuu, abbootiin harki 85 biyyoota torbaa (Biraaziil, Arjantiinaa, US, UK, Kaanaadaa, Neezarlaandiifi Jaappaan daa’ima isaanii kunuunsuuf waan tahu hunda akka godhan dubbatu jedha.

Haa tahu malee harki caalu erga mucaan isaanii dhalatee booda hojiisaaniirraa boqonnaa hin fudhanne.

Kanaafimmoo waa’ilootaafi hogganoota boqonnaa akka fudhatan hin goone komatu.

‘’Maatiif filannoo kennuu’

Joosh Leevis, dhimma daldalaa fi koorniyaa irratti ogeessa beekamaa dha. Ragaa mul’atuun faallaatti, hogganooti ‘’dhiiroti dhibaawoo fi hojii hin jaalatan,’’ jedhanii amanu jedha.

Leevis kitaabasaa ALL-In jedhamuun Mootummota Gamtoomaniin beekamtii argateera.

Abbootiin boqonnaa yeroo gaafatan hin amanaman ‘’galanii miila walirra naqatanii kan TV ilaalan itti fakkaata,’’ jedheera.

‘’Sirna dubartooti mana akka turan, dhiirotimmoo waajira akka dabarsan godhu qabna,’’ jedhe.

Kana jechuun hawaasni seerotaa fi imaammata boqonnaa abbootii dhorkan hambisuufi carraa dubartootaafi dhiirota qixxee kennan akkasumas ilaalcha loogii koorniyaa dhaabsisan baasuu qaba jedha.

‘’Isa hin furru taanaan iddoo hojiitti carraa qixxee kennaa hin jirru,’’ jechuu dha.

‘’Sirni akkanaa namootaaf qofa osoo hin taane daldalaafillee gaarii miti,’’ jedha.

‘’Maatiidhaaf filannoo eenyu ijoollee haa kunuunsu,eenyu hojii haa hojjetu, yoo kennine daldalli ni foyya’aa, diinagdeen ni foyya’aa hawaasni fi maatiinillee gaarii tahu,’’ jedha Leevis.