Ministirri Kaanaada sababii bashannanaaf imalaniif angoorraa kaafaman

Madda suuraa, Getty Images
Kaanaadaatti Ministirri Faayinaansi bulchiinsa Ontaariyoo Rood Fiiliipsi tibba uggura Covid-19 keessaa bashannana waan deemaniif angoo gadhiisan.
Hoogganaan Ontaariyoo Daag Foordi wayita naannichi cufamtee jirtu bashannanaaf gara Kaariibiyaan kan imalan ministirri maallaqaa hojii gadhiisuu isaanii beeksisan.
Ministirichi Abba Foordi Fiiliipsi imalli kun "dogoggora badaadha" jechuun dhiifama gaafatan.
Abba Fiiliipsi hojiirraa ka’uun, itti gaafatamummaa ba’achuurratti mootummaan hagam qoosaa akka hin beekne kan agarsiisudha jedhani Foordi.
Naannoon Kaanaadaa ummata hedduu qabdu kun imala hin barbaachisne hunda akka hin taasifamneef jajjabeessiti. Kunis kan ta’e erga lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii akka malee dabaleen boodadha.
Miseensa paartii PPP kan ta’an Abba Fiiliipsi gaafa Mudde 13 gara Seenti Bartisitti imaluun Kamisa kaleessaa ganama qe’eetti kan deebi’an.
Anga’oonni fayyaa Ontaariyoo tibba ayyaanaan duratti koroonaavaayiras tatamsa’aa waan jiruuf ummanni manuma keessa akka turu akeekkachiisanii turan.
Haalli Ontaariyoo maal fakkaata?
· Mudde 26 irraa kaasee dhorkiin sochii cimaan kaa’ameera
· Guyyaa kaleessaa ibsa ba’een naannichatti namoonni 3,328 ta’an vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, kunis riikoordii haaraadha.
· Kaanaadaatti namoonni kuma 582 ta’an koroonaavaayirasiin qabamuu odeeffannoon Yunivarsiitii Joohnsi Hoopkiinsi irraa ba’e ni mul’isa.
Wayita Buufata Xiyyaaraa Tooroontoo Piirsan ga’anitti riippoortaroota akka himanitti, hojii kiyya ittan fufa jedhee abdadheen ture, garuu murtee MM nan kabaja jedhani.
"Badii akkan dalage ifadha, badii sanaafis itti gaafatamummaa nan fudhadha, yeroo imaluu hin qabnetti imaluu kootiif sababa tuuluun hin barbaachisu," jedhani Fiiliipsi.
Foordi Kamisa galgalarra ibsa baasaniin, haasawa taasifneen booda gaaffii hojii gadhiisuu isaanii simadheen jira jedhani. Bakka isaanii buusuuf pirezidantii boordii maallaqaa Piitar Beetilinfaalvii gaafachuun isaaniis beekameera.













