Poolisiin dandeettii fuula namaa yaadachuu qabu shakkamtoota 2000 adda baase

Aandii Poop

Madda suuraa, West Midlands Police

Maxxanfame

Poolisiin dandeettii addaa fuula namaa yaadachuu qabu amma yoonaa shakkamtoota 2000 ol ijumaan adda baasuu danda'eera.

Poolisiin magaalaa Barmiingihaam Aandii Poop waggootaaf fuula namaa yaadachuu danda'a. Shakkamtoota barbaadaman maaskii uffatanillee adda baasuu akka danda'u hima.

Namni ganna 43 kun bara 2018 wayita namootni inni adda baase 1000 gahan beekamtiin kennameefii ture. Bara 2022tti namoota 2500n gahuuf karoorfatee jira.

Dandeettii addaa fuula namaa yaadachuu qabu kun dandeettiin isaa kun maalirraa akka dhufe "ibsuun rakkisaadha" jedha.

"Tasuma miira nama barbaadamu san ta'uu sitti dhagaahamudha, booda sirrii ta'huun ni mirkanaaha" jedha poolisiin maqaan masoo "memory man" jedhu kennameef kun.

"Barri darbe kun ulfaataa tahus akkuma yeroo kaanii hojii eegaluun dura qophii barbaachisaa taasiseen baha" jedha.

"Bahuu koon dura suuraa namoota poolisiin barbaadamanii sirriitti nan qalbeeffadha, san gochuun koo bu'aa naaf buuseera," jedha.

Aandii Poop

Madda suuraa, West Midlands Police

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 2018 waggoota shan keessatti namoota 1000 adda baasuun badhaafamee ture

Barmiingihaam keessatti nageenya buufataalee geejjibaa kan to'atu poolisiin kun yeroo isaa hedduu baaburaa fi baasii irratti dabarsa.

Lakkoofsi shakkamtootaa inni guyyaa tokkotti adda baase olaanaan 17.

Aandii Poop bara 2012 waldaa poolisoota dandeettii addaa fuula namaa adda baasuu qabaniitti makame.

Waldaan kun miseensota 20 qofa kan qabu yoo ta'u, dandeettiin isaanii kun saayinsii qorannoo yakkaa keessatti beekamtiin akka kennamuuf fedhu.