Sababa Covid-19'n dinagdeen Chaayinaa 2028tti kan Ameerikaa ni caala jedhame

Hojjattuu lamii Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Diinagdeen Chaayinaa bara 2018tti Ameerikaa kan addunyaarratti dinagdee olaanaa qabdi jedhamtuu akka dursu gabaasni tokko ifa taasise.

Kunis kan kana dura Chayinaan guddinaan Ameerikaa caalu dandeessi jedheen tilmaame 2033 durseeti jedhame.

Jidduugalli qorannoo Dinagdeefi Daladalaa UKtti bu'ureeffatee tokko akka ibseetti, haalli Chaayinaan Covid-19 itti dandamatte guddinni dinagdee ishee akka saffisuu akka taasise hima.

Faallaa kanaa ammoo Ameerikaafi biyyoonni Awurooppaa akka hubaman kaaseera.

Gama biraatiin ammoo qoranichi Hindiin bara 2030'tti addunyaarratti biyya qabeenya olaanaa qabaachuun sadaffaa taati jedheera.

Jiddugalli qorannoo kunis bara hunda baatii Muddee 26'tti tilmaama dinagdee baasa.

Chaayinaan biyya Covid-19 keessatti mul'ate kan jalqabaa taatulleen haala gaariin dhukkubicha to'achu dandeessee jirti. Kana jechuunis tarkaanfii atattamaafi cimaa fudhachuun weeraricha to'atte.

Biyyoonni Awurooppaa garuu namoonni manaa akka hinbaane uggura kaa'uun dinagdee isaaniirra miidhaa olaanaa qaqqabsisuu danda'an jedha dhaabbatchi.

Dinagdeen biyyoota heedduu weerarichaan walqabatee baayyee yoo miidhamu, Chaayinaan ammoo siriiyyuu bara kana parsantaa lamaan gddina galmeesiifti jedhameeti eegama.

Faallaa kanaa ammoo dinagdeen Ameerikaa sababii weerarichaatiin baayyee miidhameera. Akkasumas nammoonni kuma 300 ol dhukkubichaan lubbusaanii yoo dhaban, kanneen miliyoona 18.5 ta'an vaayirasichaan qabamuutuu mirkanaa'e.

Ameerikaan miidhaa weerarichi dinagdee isheerraan gaheef deeggarsa taasisuun dandamachuuf yaadduulleen, qondaaltoonni siyaasaa irratti waliigalu diduun isaanii tarii miidhama dinagdee cimaa hordofsiisu akka danda'u yaadama.

Kunis dhuma bara kanaatti lammiilee Ameerikaa miliyoona 14 ta'an hojii hinqabne deeggarsa malee hambisuu danda'a jedhame.

Qorannoon kun akka jedheettis Ameerikaafi Chaayinaan baroota dheeraaf olaantummaa dinagdee to'achuuf wal morkaa turan.

Amma garuu jijjiramoota koronaavaayirasiin walqabatanii umaman hordofee Chaayinaan olaantummaa dinagdee addunyaa akka qabatu mul'isa.

Qorannichi akka jedheetti, dinagdeen Ameerikaa Covid-19 booda baroota 2022-2014'tti parsantaa 1.9n ni guddata. Isaan booda ammoo parsantaa 1.6 gadi bu'a.

Faallaa kanaan ammoo qabeenyaan Chaayinaa hanga bara 2025'tti parsantaa 5.7n gddata. Baroota 2016'n booda ammoo parsantaa 4.5n guddata jedha raagni gabaasa bahe.

Bara 2000tti gaheen dinagdeen Chaayinaa sadarkaa addunyaatti qabdu 3.6 ture. Bara kana garuu gara 17.8tti ol guddateera.

Bara 2023tti ammoo Chaayinaan biyya galii olaanaa qabdu akka taatuu dura taa'aa Ittaanaan jidduugala qorannoo kanaa Daagilaas Maakwiiliyaamsi ni dubbatu.

Gama biraatiin ammoo guddiinni dinagdee Chaayinaa akka biyyaatti kan Ameerikaa akka caalu yoo tilmaamame illeen, galiin lammii Chaayinaa tokkoo kan lammii Ameerikaa tokkoon wal biratti yoo madaalame hangas mara guddina agarsiisuu dhiisu danda'as jedhameera.

Raaguu biraatiin ammoo:

Bireegzitiin booda dinagdeen UK miidhaa bara 2020 booda bara 2021-25tti waggaatti parsantaa 4 guddachuun, bara 2026-30 ammoo parsantaa 1.8tiin guddata jedhameera.

Indiyaan bara 2019'tti akka biyya dinagdee guddaa qabaachuun UK caaltee sadarkaa shanaffaa qabattee turte. Haata'u malee, sababii weerarichaatiin deebiistee boodatti hafte. Hanga bara 2024ttis deebiiste dursuu hindandeessu jedha qorannichi.

Dinagdeen Indiyaa bara 2027tti dinagdee Jarmanii, bara 2030tti immoo kan Jaappaan ni dursas jedhameera.