Daandiin qiilleenssaa Taayiwaan balaliisaa Covid-19f sababa jedhe ari'ate

Eva Air aircraft

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Balaliinsa hunda booda balaliisaafi garee hojjatoota xiyyaaraa hunda adda bahuun turu
Maxxanfame

Balaliisaan xiyyaaraa lammii Niiw Zilaand koronaavaayirasiin baatiiwwaniin booda vaayirasichi Taayiwaan keessaatti akka mullatuuf sababa ta'eera jedhamee Daandii qilleensaa Eva Air jedhamuun hojiirraa hari'atame.

Guyyaa Kibxataa nama balaliinsaa walii ture tokko irratti koronaan argame. Taayiwaan osoo namni vaayirasichaan argame hin galmaa'iin guyyoota 253 dabarsite turte.

Walumaagalatti Taayiwaanitti namoonni 777 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, namoonni torba du'utuu himame.

Balaliisaan xiyyaaraa jedhame kunis jalqaba baatii Sadaasaatti vaayirasichaan kan qabame yoo ta'u, osoo mallattoon irratti hin mul'atiin hafeera.

Balaliiftoonni gara odoolattii kanaatti deebii'anis guyyoota sadiif adda of baasuun akka turan kan taasifaman yoo ta'u, mallattoon irratti mul'atu malee hin qorataman.

Balaliinsaan akka vaayirasichi irra jiru hinbariin kunis hojiisaa itti fufuun garuu balaliinsa US irraa gara Taayiwaaniitti taasisee kan dhumaatiin qufa'aa akka ture gabaafame.

Sadaasa 20tti ammoo vaayirasichi kan irratti argame.

Isaan guyyoota lamaan booda biyyattiin nama vaayirasiin qabame tokko adda baasuun dubatrii qabamte dukaa bu'uun balabiisaa kana waliin quunnamtii akka qabdu bira gahame.

Namtichi kunis namoota isa waliin quunnamtii qaban fi sochiilee qondaaltootatti sirriin himu waan dideef adabbii doolaara 10,000 kanfaleera.

Daandiin qilleensaa Eva Air gama isaatiin balaliisaan kun wayita balaliisu maaskii fuulaa kaawwachu dhiisuu dabalate, waan dudhaalee hojii hinkabajneef ari'atame jedheera.

Dubartiittii amma qabamuun barameen alattis, hiriyyootasaa kan ta'an balaliistota lammii Jaappaaniifi kan Taayiwaan kan biraas vaayirasichaan qabamu akka hinollee shakkeera.

Daandiin qilleenisichaas ta'ee aanga'oonni biyyatti balaliisaa jedhame kana maqaan hineerrre.

Haata'u malee ibsa daandiin qilleensichaa baaseen, ''Amalli hojjataa kanaa yaalii weeraricha ittisuuf namoonni hundi taasisaa jiru kan tufateedha'' jedheera.

Akkasumas gochi isaa kun maqaa kubaaniyichaa balleesseera jechuun balaaleefateera.

Erga namni haaraan vaayirasichaan qabamu baramee as, aanga'oonni daandiiwwan qilleensaa ulaagaalee of eegannoo Covid cimaa akka taasisanii gochaa jiru.

Woman wearing a face mask in Taipei

Madda suuraa, Reuters

Anga'onni fayyaasa namoota 170 kanneen dubartittii waliin tuxuqaa qaban adda baasuun mana keessa turanii mallattoo akka hordofan taasisaa jiru.

Suqiiwwan balaliisichiifi dubartiin dhaqan hundis qorichi itti biifamuun namoonni suqiiwwan sana deeman hundi akka qoratamaniif gaafatamaniiru.

Akkasumas kubaaniyaan dubartiin sun hojjattun lafa jiim, kaafteeriyaa fa'i kan cufe yoo ta'u, hojjattoonni akka minjaala irratti hinnyaanee dhorkuun namoonni akka gara dalaa hinseenne taasiseera.

Taayiwaan biyyoota ittisa Covid-19 milkaa'an keessaa tokkodha. Kunis sababii dursaan daangaa to'atteefi dowwattoota biyyoota alaa dhaabdee, akkasumas lammiilee ishee gara biyyaa seenan hunda dirqamaan adda bahanii turuu hojiirra waan sirriitti olchiteef jedhama.

Hodola Taawyiwaan irra namoota miliyoona 23 kan jiraatan yoo ta'u, osuma itti hinhimamiin hundnu maaskii kaawwachu eegalan.