Qamaleen akka bineelda manaatti madaqfamuu hin qabdu jette Ingilaand

Qamalee Booliviyaa

Madda suuraa, PA Media

Maxxanfame

Jiraattonni Inglaand qamaleefi sanyiin qamalee biraan bineelda manaatti madaqsuun dhorkamuu danda’u jedhe mootummaan.

Bineensoti 5000 tahan dawaa seeraan eeyyamameen ala jiru ministirri nageenyaa bineensotaa Loord GooldIsmiiz baayyeen isaanii hanqina iddoofi deeggarsaan ‘gadadoo’ keessa jiru jedhan.

Waajjirri Kunuunsa Naannoo, Nyaataa fi Dhimma Baadiyyaa sanyiin qamalee kunneen akka wal-hin horre daangessuuf yaadaa jira.

Mariin jijjiirama kanarratti xiyyeefatu jalqabeera.

Sanyiin qamalee garaagaraa iddoo bal’aa, nyaata madaalamaa, ho’aafi nama waliin hariiroo barbaadu.

Karoora kanaan namoonni eeyyama malee isaan madaqsan ulaagaa dahoo isa mootummaan eeyyamu yoo qabaatan malee madaqsuurraa ni dhorkamu.

Loord Goldsmiiz ‘’Qamaleeewwan qaroo fi hariiroo hawaasaa bineeldota barbaadani dha. Man’ee tokko keessatti qofaa deeggarsa malee yoo turan jireenyi isaanii ‘gadadoo’ taha,’’ jedhan.

‘’Isaan madaqsuu dhaan dararaa irra gahuuf tarkaanfii kana fudhachuun barbaachisaa dha, amma gochaa guutummaan dhorkuutti siqaa jirra.’’

Sanyiin qamalee Maarmooseet warreen UK keessatti baay’inaan madaqanii dha.

Doktar Roos Kilab dhaabbata bineeldonni gara jabinaan akka hin ajjeefamne eegu RSPCA, keessatti sayintistii olaanaa dha, ‘’qamaleen deeggarsa malee mukaa’uu dandeessi,’’ jedhu.

‘’Waan nama gaddisiisu hordoffii keenyaan ammallee qamaleen man’ee simbirroo keessa, nyaata dafee qaqqabu (fas food) soorachaa, sukkaara dhugaa fi qorichaa sammuu si’eessullee fudhachaati sanyii isaaniirraa fo’amanii dhukkubaan rakkataa jiru ,’’ jedhan.

Qamaleen dahoo keessa hin jiraanne mootummaarraa eeyyama argachuun sakatta’insia taasifamuufi qaba jedhan.