Dorgommii kubbaa miilaa sababii halluu rifeensaa taphattootaan haqame

Madda suuraa, STR/AFP
Yunivarsiitii dubartootaa Chaayinaa keessatti dubartoonni rifeensa isaanii halluu dibatan dorgommii kubbaa miilaa irratti hirmaachuu hin dandeessan jedhamuun taphni haqame.
Gareen kubbaa miilaa Yunivarsiitii Jaaymii Fuuzoo jedhamu liigii kooleejii Fuujiyaan jedhamu waliin tapha taasisuuf ture.
Gareen lamaaniyyuu halluu rifeensa isaanii sirreessuuf halluu gurraacha fidanii turan.
Taphattoonni Fuuzoo rifeensi isaanii ‘sirriitti hin gurraachofne’ jedhamuun keessaa bahanii gareen tokko nama jahaan qofa hafe.
Otoo dorgommii hin jalqabiin,’’ taphatoonni baayyeen seera rifeensa halluu dibuufi guduruu gochuun hin danda’amu jedhu cabsuun ari’amaniiru," jechuun miidiyaan Giloobaal Taayims gabaaseera.
Naannoo Fuujiyaanitti atleetonni rifeensa halluu dibachuu, dhiiroti rifeensa dheeressuu, faaya adda addaa keewwachuun hin danda’amu.Didanii kana yoo raawwatan garuu, ‘’dorgommii irraa ni ari’amu.’’
Qajeelfamni qopheessitootaa, Liigiin Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa,’’atileetonni tumaa godhachuu, rifeensa halluu dibachuu, rifeensa haala addaan murachuu fi faaya keewwachuu hin qaban,ykn dorgomuun hin danda’amu,’’ jedha.
Murtoon kun miidiyaa hawaasaa Chaayinaa Weeboo jedhamurratti dheekkamsa kaaseera.
Kubbaa miilaa Chaayinaa hojii-maatni badaa danqaa akka jiruufi, loogii, akka jiru himan. ‘’ Dubartoonni rifeensa isaanii halluu akka hin dibne garuummoo taphattoonni kubbaa miilaa dhiiraa garuu tumaa gochachuu danda’u,’’ jedhan.
Chaayinaan bara 2018 irraa kaasee lootii keewwachuu fi tumaa godhachuu irratti seeraa baasaa jirti.













