Koronaavaayiras: Doktorri Chaayinaa Covid-19 yaaluun beekamu du’uun qondaaltotarratti komii kaase

Maxxanfame

Doktorri beekamaa Chaayinaa ittisa dhibee koronaavaayirasiin maqaa gaarii horate du'uun isaa akkatti qondaaltonni vaayirasicha to'ataa jiran irratti qeeqa guddaa kaase.

Dr Hu Weyifaang ji'a afuriif koronaavaayirasiin erga dhibamaa turee booda kaleessa Waxabajjii 2 du'eera.

Baatii Bitotessaa keessa ''sababa tiruun isaa rakkoo godhateef'' fuulli isaa gurraacha'e mul'achuun ijoo dubbii ta'e ture.

Sababni du'a ogeessa fayyaa kanaa ammatti ummataaf hin ibsamne garuu fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa biyyattii dhekkamsa isaanii ibsaniiru

Dr Hu Weyifaang eenyu ture?

Doktorri kun yurolojistii ture. Magaalaa vaayirasichi itti argame Wuhaanitti kan argamu Hospitaala Giddugalaa Wuhaanitti kanneen koronaavaayirasiin qabaman ni wal'aana ture.

Baatii Amajjii keessa yeroo reefuu vaayirasichi biyyattii keessa babal'ate ture vaayirasichaan kan qabame.

Ergasii booda ji'oota lamaan darban wal'aansa fayyaa argachuuf hospitaalota garaa garaatti geeffamaa ture.

Gidduu baatii Bitootessa keessa itti wayyaa'ee ture.

Baatii Eblaafi Caamsaa keessa immoo dhiigni sammuu isaa keessa dhangala'ee dhibamuutu gabaafame.

Dr Hu Weyifaang nama waliin hojjetan Dr Yi Faan waliin ta'un baatii Ebla keessa erga miidiyaan dhihaatanii as namuu waa'ee isaanii haasa'aa ture.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa Chaayinaa Weeyiboo jedhamus vaayiricharraa bayyanachuuf qabsoo ogeessonni kun itti jiran hubatanis fuulli isaanii gurrachaa'ee mul'achuun garuu qalbii isaanii hawwatee ture.

Miidiyaan ''tarii tiruu isaanitu rakkoo godhate ta'a,'' jedhamee ture.

Lamaan isaaniyyuu ''doktoroota fuula gurraacha lamaan Wuhaan'' jedhamanii kan beekaman yoo ta'u, waan baay'ee hubamaniif fayyuuf cichoominni isaan qaban jajajme ture.

Dr Yiin ji'a dura hospitaala bahanis, garuu fayyuu hin dandeenye.

Kana dura namni Dr Liin Weyinlaang jedhamuufi namoota dursanii vaayirasichi biyya walgahuu akka danda'u namoota waliin hojjetaniif baatii Muddee keessa dubbatan du'ee ture.

Wal beekuun isaanii beekamuu baatus Dr Hu Weyifaang waliin hospitaala tokko keessa hojjetaniiru.

Duuni doktora kanaa ummata keessa gadda guddaa kaa'us iftoomina qondaaltotaa irratti kanneen gaaffii kaasaniis jiru.

''Maali dhukkubsattoonni Wuhaan keessaa erga bahanii turanii mitimoo?'' jedhee Weyiboo irratti namni tokko barreesse jennaan namoota kaaniin si'a 400 caalaa jaalatameera.