Dubartii osoo hin beekin lubbuu miiliyoona hedduu du'a oolchite

Seelii qaama isheerraa fuudhameen qorichi jalqabaa pooliyoofi kaan hojjetamaniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Seelii qaama Henriyataa Laakis irraa fuudhameen qorichi jalqabaa pooliyoofi kaan hojjetamaniiru
Maxxanfame

Seenaa qorichaa keessatti namooni Heniriyataa Laaksi caalaa lubbuu hedduu du'a oolchine jechuu danda'an muraasadha.

Dubartiin gurraattin kuni qoricha ammayyaaf oolmaa guddaa ooluu ishee qoma dhiibdee dubbachuuf sababa gahaa qabdi. Garuu, osoo hin beekiini.

Henriyataa Laakis bara 1951'tti kaansarii fiixee gadameessaan qabamte.Yeroos umriin ishee 31 dha. Reefu mucaa shanaffaa godhatte.

Yeroos hospitaalonni US hedduu adiifi gurraacha gidduu loogii uumu. Yeroo ishee dhukkubuu eegalu wal'aansa argachuuf filmaanni isheen qabdu muraasa qofa ture.

Mana isheetti waan siquuf Hospitaala Joons Hopkiins magaalaa Baaltimor, bulchiinsa Meerilaand deemte.

Kutaan ciisichaa isheen itti ramadamte galma kutaa qorannoo Joorj Geey laaboraatorii keessa seelii namaa guddisuuf yeroo dheeraaf itti dabarseetti dhihaata.

Wal'aansaaf jecha xannacha ishee yeroo muranitti doktorri ishee wal'aane eeyyama ishee malee saamuda tiishuu Geeyitti ergan.

Seeliin Laakis garuu dhamaatii Joorj Geey yeroo dheeraaf taasisan jijjiire.

Hanga yeroo saamudi itti ergamutti, laaboraatorii keessa seelii namaa guddisuun hin milkoofne ture.

Seeruma uumamaan seeliin nama keessa jiru lubbuu murtaa'aa qofa qaba. Seelonni lamatti bahaa baay'achaa adeemu.Garuu, kuni umrii waliin deema.

Dulluma keessa akka bara dargaggummaa baay'inaan hin horu.

Sadarkaa 'senescence' jedhamuufi sababa umriin seeliin baay'achuu dadhabuu gahuu dura seeliin namaa si'a shantama qoodamu.

Seeliin Laakis garuu adda. Seeliin ishee dhaabbii malee lamatti qoodamaa, of baay'isaa deema. Kunis, qalbii qorattootaa medikaalaa hawwate.

Kana boodas saayintistoonni seelii Laakis fudhachuun qorannoof itti fayyadamuu eegalan.

Toorri seelii ishee boodarra ''HeLa'' jedhamuun kabaja isheef maqaa isheetti moggahe.

Seeliin kuni seelii jalqabaafi seelii baay'inaan meedisinii keessatti hojiirra ooledha. Ummanni miiliyoonni hedduu tiishuu isheerraa fuudhamef galata qabu.

Seeliin isheerra fuudhame talaallii pooliyo jalqabaa hojjechuuf ooleera. Akkasumas qoricha kaansariifi laabiraatorii keessa dhalli namaa akka guddatu (IVF) keessatti hojiirra oleera.

Inumaa osoo lubbuun namaa hawaatti hin bahiin dura seeliin ishee hawaatti bahe.

Waa'een ishee kuni dhimmi walfalmii naamusaallee (ethics) kaaseera. Bara 1951 hubatanii eeyyama kennuu (informed comsent) eeyyamuun hammana hin beekamu ture.

Maatiin ishees hanga gaazexeessituun BBC waggaa dheeraa booda dhimmi kana kaastutti oolmaa isheen oolte hin beekan turani.