Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weellisaan Masrii lammiilee Israa’el beekamoo waliin suuraa ka’e seeratti dhiyaachuufi
Weellisaa beekamaa Masrii namoota beekamoo Israa’el waliin Dubaayitti suuraa ka’e irratti baatii dhufu himannaan banamuufi.
Abbaan seeraa himannaa banu weellisicha Mohaammad Ramadaan jedhamuun ''uummata Masrii arrabsuun'' himata.
Suuraa kana mootummaan Israa’el onlaayiniirratti qoodnaan Arabooti baayyee balaallefataniiru.
Waldaan Artistoota Masriillee miseensummaa isaa akka haqu himeera.
Weellisaan ganna 32 garuu jarri lammii Israa’el tahuu hin barre jedha.
Masrii fi Israa’el waliigaltee nagaa osoo hin mallatteessiin dura biyyooti kun lameen waraana shan gaggeessaniiru. Haatahu malee hariiroon biyyoota ollaa kunneen gidduu jiru qixataa miti.
Yeroo dhihootti hariiroo gaarii qabaachuuf jecha United Arab Emirates, Baahireen fi SUdaan waliigaltee mallatteessaniiru.
Gaafa Sanbataa Fuulli Feesbuukiifi Tiwiitarii afaan Arabaa mootummaa Israa’el, suuraa Ramadaan mana bashannanaa Dubaay keessatti weellisaa Omaar Adam hammatee agarsiisu qoodaniiru
Suuraa kan kaase gaazexeessituu lammii Emiraatii yoo taatu ‘’Artiin yeroo hundayyuu walitti nu fida,’’ barreefama jedhu ofirraa qaba.
Suuraan biraa immoo isa inni taphataa kubbaa miilaa lammii Israa’el Diyaa Saabaa waliin ka’edha.
Iddoo ‘paartii’f’ walitti qabamanitti namoonni nama beekamaa Israa’el Haavaa Naagiilaa jedhamuuf yoo sirban agarsiisa.
Miidiyaa hawaasummaarratti weellisichi uummata Paalastaayiin ganuun himatameera. Haashtaagiin ‘’Mohaammad Ramadaan nama Tsiyoon ykn Mohamed Ramadan is a Zionist" jedhutu baay’inaan qoodamaa ture.
Gaazexeessaa fi miseensi paarlaamaa Masrii, ''Mohaammad, artiistii warra gubbaa Masrii weellisaa warra Tsiyoon tokko hammachuun dhaggeeffattoota Arabaa dhabaa jira, anaa haa nyaatu,’’ jechuun barreesseera.
''Hawaasni Arabaa qe’ee isaaniirraa akka buqqa’an hin beektuu, lafti isaanii weerarameefi qulqullummaan isaanii kabaja akka dhabe hin beektuu?’’ jechuun Ramadaanitti barreesse.
Ramadaan qeeqa irratti dhiyaate kuffisuun ''beekamuu koofi milkaa’ina koo irraa warreen na dhaabuu barbaadanitu akkas jedha,'' jedheera.
''Namoota na waliin suuraa ka’an yoo ofii himatan malee ani lammummaa isaanii hin gaafadhu,'' jedheera.
Suuraa nama Paalastaayinii waliin iddoo wal-fakkaataa Dubaayitti ka’es maxxansuun ‘’Haa gahu nagaan koo uummata Paalastaayiniif,’’ jechuun maxxanseera.
Ramadaan waan godhe ibsuu yaalus ogeessa seeraa Masrii Taariiq Mahaammuud himannaa banuurra hin hambsine, Mudde 19 Kaayirootti mana murtiiitti dhiyaata.
Waldaan Arrtistootaa biyyattiis Muddetti hanga mana murtiitti gaafatamutti miseensummaa irraa akka isa dhorku Feesbuukiirratti ibseera.
Murtoo waldichaa ‘nan kabaja’ jechuun, garuu otoo Omaar Adam nama Israa’el tahuu bareera tahee suuraa akka waliin hin kaane hime.
Diraamaan sirba weellisaa kanaa fayyadameellee akka haqamu taasifameera.