FIFA’n pirezidantii CAF Ahimadiin waggaa shaniif hojiirraa dhorke

Maxxanfame

Pirezidantiin Konfedereeshinii Kubbaa miilaa Afrikaa Ahimad Ahimad qajeelfamoota naamuusaa garaagaraa cabsuun waggaa shaniif hojiirraa ugguraman.

Namni ganna 60 kun lammii Maadaagaaskar yoo tahan naamusa amanamummaa, kennaa fudhachuu fi kennuu, aangoofi qarshii akka malee fayyadamuufaan wal-qabatan cabsan jedhaman.

Bara 2017-2019 wanti raawwatan jedhame qoratameera.

Akka ibsi FIFA agarsiisutti kanneen seera bulchiinsa FIFA cabsuun itti himataman keessaa imala hajjii gara Makkaa taasifamu qindeessuufi kaffaluun kan jedhu dabalata.

Kana malees dhaabota meeshaalee ispoortii waliin quunnamtii qabaachuu dabalata.

Pirezidantiin CAF akka adabamuu malan ji'a darbe BBC Ispoort Afrikaan gabaasee ture. Qondaalli kuni $200,000 illee adabamaniiru. Isaan garuu badii hojjedhe hin qabu jechuun himu.

Ahimad Ahimad uggura amma irra kaa'ame mana murtii dhimma ispoortii qofa hordofuufi 'Court of Arbitration for Sport (CAS)'tti iyyachuu danda'u.

Lammiin Madagaaskaar kuni bara 2017 ture pirezidantii Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) ta'un kan filatamani.

Baatii darbe immoo pireezidantummaa CAF marroo lammataaf akka dorgomanis himanii turan.

Kuni shakkii guddaa gatii taheef iddootti deebi’uuf qormaata gahumsaa darbuu qabu jedhe gumiin FIFA.

Lammata filatamuuf ol iyyannoon irra aanuu qofa osoo hin taane dafees raawwachuu qaba.

Obbo Ahimad dhihoo koronaavaayirasii qabamuu ibsuun Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa hoogganaa hin turre.

Bakka isaanii Pirezidantii itti -aanaa dhaabbatichaa Konistaant Omaariitu hojjetaa jira.