Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyootni Afrikaa pirezidaantiin Caf ammas itti fufuun akka gaggeessan fedhii agarsiisan
Yeroo lammaffaaf pirezedaantiin Konfedereshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa aangoo isaaniin kan itti fufan fakkaatu.
Gaggeessitootni federeshinii kubba miilaa biyyoota 46 Afrikaa Ahimad aangoo isaaniin itti fufuun akka gaggeessan barbaadu.
Deeggarsi kun kan ibsame osoo pirezedantichi filannocha irratti dorgomuufillee fedha qabaachuu isaanii hin ibsiin duradha.
Ahimad bara 2017 ture lammiin Madagaaskaar kun pirezedaantii konfedereshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa tahuun kan aangoo qabatan.
Fuilannon kun Caamsa keessa kan gaggeeffamu yo tahu guyyaan xumura galmee namoota dorgomuuf beeksisanii Sadaasa 12 bara 2020dha.
Ejjennoon gaggeessitoota naannolee Afrikaa jahaan mallattaa'e akka agarsiisutti manguddoon ganna 60 qorannoon dhimma naamusaa Fifa'n qabame akkuma jirutti tahee yoo fedha qabaatan ammas itti fufuun gaggeessuu akka danda'an kan deeggarudha.
''Ahimad hoggansa kanaaf dorgomuun qaama bulchiinsa kubba miilaa ardichaa irraa qajeelfama argachuun qaba jedhanii ture. Fedha dhunfaan qofa osoo hin taane kaka'umsa hundaa gaafata jedhaniiru.
Har'a pirezedaantotni mana maree waldaa Kubbaa Miilaa Afrikaa jaha biiyyota Afrikaa 54 keessaa pirezedaantota federeshinii biyyoota 46'n deegggaramne, pirezidaanti Ahimad ammas irra deebiin akak filataman waamicha taasifna,'' jedha ibsi isaanii.
''Yoo itti fufee hojjechuu barbaade isa deeggarra'' jedhan.
Filannicha mo'achuuf harka caalmaa qofa kan barbaadu yoo tahu biyyoota saddet qofatu mallattoo isaaniin hin mirkaneessine. Isaanis Aljeeriyaa, Botswaanaa, Ayivoorii Koosti Naayijeeriyaa, Seeraa liyoon Afrikaa Kibbaa, Yugaandaa fi Zimbaabuweedha.
Kanneen pirezidaanticha qeeqan barri bulchinsa isaa haaromsa caalaa waan wal falmisiisaan kan guutame jedhu. Fifa'n malaammaltummaan Ahimad irratti qorannoo gaggeessuu eegalee jira.
Ahimad waan ittiin shakkamanii qoratamaa jiran hundaa keessaa harka hin qabu jedhaniiru.
Fifan ammayyuu bu'aa qorannoo isaa kan hin ifoomsine yoo tahu oditera gara Caf itti erguun qoraachiisaa tureera.
Qaamni teessoon isaa Zuurik tahe kunis Caf waliin tahuun hojii odootii san gaggeessaniiru.