Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataan Arsenaaliifi Baarseloonaa duraanii Kilaba Jibuutiif mallatteesse
Taphataan intarnaashinaalaa lammii Kaameroon kan Arsenaaliifi Baarseloonaa keessatti maqaa guddaa horate Aleeks Soong kilaba biyya Jibuutii maqaa guddaa hin qabne Art Solar 7 jedhamuuf taphachuuf waliigale.
''Artaa waliin waliigaltee waggaa lamaa mallatteesseera. Kuni kubbaa miilaa Jibuutii jajjabeessuuf carraa gaariidha'' jechuun taphataan sarara gidduu Soong twiitara gubbaatti barreeseera.
Bitootessa darbe Kilaba isaa biyya Swiizerland 'FC Sion' irraa taphattoota biroo saddeet waliin ari'amuu isaanii hordofee taphataan ganna 33 kun bilisa ture.
Taphattootni sagal kilabni FC Sion ari'ate kun sababa Covid-19'n miindaan isaanii irraa cituu waan fudhachuu didaniif ari'ataman.
Kilabni biyya Jibuutii Artaan bara dorgommii darbe waancaa Jibuutii kan injifate yoo ta'u kan kilabootaan ammoo afraffaa ta'uun xumure.
Kilabichi dorgommii waancaa biyya isaa injifachuu isaatiin dorgommii waancaa Konfidireeshinii Afrikaarratti carraa hirmaachuu argateera.
Kilabichi Soong gara isaanii dhufuu Kamisa dhufu ifatti akka beeksisu ibseera.
Miidiyaaleen biyyattii akka gabaasanitti Soong misooma dargaggootaa kilabichaas olaantummaan hooggana.
Murteen kun Soong pireezidantii kilabichaa waliin erga walargee kan murtaahedhas jedhameera.
Oduun Soong Kilaba Jibuutiitti makamuu namoota hedduu dinqeera.
Sababni isaa ammoo Jibuutiin sadarkaa Fifa'n kaaheen biyyoota addunyaa 210 keessaa biyya sadarkaa 185'ffaarrti argamtu ta'uu isaati.
Dabalataan biyyoota Afrikaa 51 keessaa Somaaliyaa, Siisheels fi Eertiraa malee biyyi isheen kubbaa miilaan caaltu kan hin jirre ta'uu isaati.
Gama kaaniin Kilaba biyya Firaans Bastiyaa irraa gara Arseenaalitti makamee achiis Baarseloonaatti ce'ee miindaa doolaara Ameerikaa miiliyoona 20 argachaa turuu isaa wajjiin imalli isaa Jibuutii dinqisiisaa ta'eera.
Aleeks Soong Arsenaaliif si'a 100 hiriiree kan tapahate yoo t'u Baarseloonaa wajjiin bara 2013'tti laaligaa injifateera.
Biyya isaa Kaameruuniifis waancaa addunyaa isa Afrikaa Kibbaa fi isa Biraazil qopheessan irratti irratti hiriiree taphateera.
Soong biyya isaa Kaameroon magaala Du'aalaa jedhamu keessatti mana barnoota idila addunyaa bakka tursiisa ijoollee, mana barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa of keessaa qabu ijaaree xumuruu isaa ji'a darbe beeksiseera.