Xiyyaaronni Booying Max 737 balaliirraa ugguraman Ameerikaatti balaliitti akka deebi’an eeyyamame

Maxxanfame

Qaamni to’annoo nageenyummaa balalii Ameerikaa xiyyaaronni Booying Max 737 balaa qaqqabsiisuun balaliirraa ugguraman akka balaliitti deebi’an eeyyame.

Xiyyaaroonni Booying Max 737 lama balaa suukaneessa erga qaqqabsiisanii booda Bitootessa, bara 2019 akka balalii dhaaban ajajni irratti darbee ture.

Xiyyaarota Booyingi kana balalitti deebisuun tarkaanfii bu’uura akka ta’eetti fudhatameera.

Barana sababii weerara koronaavaayirasiitiin imalli xiyyaaraa hir’achuun, dhaabbaticha rakkoo faayinaansii hamaa keessa galchee ture.

Ammatti ragaaleen bahan akka agarsiisanitti, xiyyaarota Booying Max 737 duraan turan otoo balaliitti hin deebi’iin dura dizaayiniin isaanii geeddaramuuf jira.

Qaamni nageenyummaa balalii Ameerikaa to’atu Bulchiinsi Aviyeeshiinii Ameerikaa(FAA) akka ibsetti, eeyyamni amma kenname kun xiyyaarota kana balaliitti‘’battalumaan’’hin deebisu.

Dursa mosaajii fi akkaataan caaseffama shiboowwan qaama xiyyaaricha keessatti walqabatuu jijjiruun fi balaliistootaas leenjisuun kan barbaachisuu ta’uun ibsameera.

Bulchiinsi Aviyeeshiinii Ameerikaa akka ibsetti, dizaayinii (wixinee) xiyyaarichaa jijjiruun kan barbaachisef‘’balaa xiyyaarichaan qaqqabeef ka’uumsa waan ta’eef, isaa hambisuufi’’jedheera.

Hojii gaggeessaan Bulchiinsa Aviyeeshiinii Ameerikaa nageenyumma xiyyaarichatti jijjiramni kun erga taasifamee‘’harka 100 amansiisaa taha’’ jedhaniiru.

Istiiv Diksan,‘’balaan walfakkaataan deebi’ee akka hin qaqqabne hambisuuf waan namni hojjachuu danda’uu hunda hojjanneerra’’jedhan.

Akka xiyyaaronni kunneen balaliif samiitti deebi’anii Booying yeroo eeyyama gaafatee ture waggaa tokkoon booda eeyamni kun kenname, maatii firoottan isaanii balaa xiyyaarichi qaqqabsiiseen dhaban garuu eeyyamni saffisaan Booyingiif kennamee jedhanii komataniiru.