Koroonaavaayiras: Gurraachonni fi warri Eeshiyaa Covid-19’f warreen adii caalaa saaxilamaadha - qorannoo

Maxxanfame

Qorannoon namoota miliyoona 18 Ameerikaa fi UK jiraatan irratti gaggeeffame akka mul’isutti, gurraachootni fi warreen Eeshiyaa namoota adii caala Covid-19'niin qabamuuf saaxilamoodha.

Namoonni hidda dhaloota Eeshiyaa qaban immoo wayita qabaman hordoffii wal’aansa fayyaa cimaan akka isaan barbaachisu EClinical Medicine akeekeera.

Qorattoonni argannoon isaanii kun ‘’fayyaa hawaasaaf battalatti barbaachisaa’’ ta’uu fi gartuun vaayirasichaaf saaxilamummaa guddaa qaban dursa talaallii akkatti argachuu qaban kan akeeku jedhan.

Xinxalli bal’aan kenname firii argannoo kanaan kan tumsu ykn deeggaruudha.

’Carraa vaayirasichaan qabamuu xiqqeessuu’

Ragaaleen bahaa jiraan akka agarsiisanitti biyyoota Ameerikaa fi UK keessatti, namoonni qomoo muraasa ta’an carraa Covid-19 bal’aa akka qaban agarsiisu.

Qorattoonni yunvarsiitii Leezister fi Nootingihaam ragaalee qorannoo 50 ol kan qoratan keessaa, ragaaleen 42 Ameerikaarraa, saddeeti immoo UK irraa walitti qaban.

Argannoon isaaniis kan agarsiisu;

Namoonni qomoo gurraachoota ta’an kanneen adii caala harka lamaan vaayirasichaaf saaxilamoodha.

Namoonni qoomoo warraa Eeshiyaa qabanimmoo harka 1.5’n warreen adii caala koronaavaayirasiin qabamuuf saaxilamoo ta’ani jedha.

Qorannoon duraan gaggeeffaman, warreen hidda dhaloota Eeshiyaa qaban dhukkubbiiin itti hammaatee hordoffiin cimaan akka isaan barbaachisu hin mul’isu, ragaalee muraasni sana booda bahan garuu, warreen Eeshiyaa vaayirasichaan qaban carraan du’uusaanii gartuuwwaan biroo ni caala.

Ogeessi qorannoo kana dursan Dr Maanish Pariik, namoonni qomoon isaanii muraasa ta’aan kanneen hojii to’annoo dhibichaarratti qacaramuun fuuldura hiriiraniifi maatiisaanii mana guddaa tokkootti waliin jiraachuun carraa vaayirasichaan qabamuu akka dabale akeekan.

Ogeessi kun amma yoonatti qacceen vaayirasichaan qabamuuf isaan saaxiluu ragaan guddaan argame akka hin jirre himaniiru.

Firii qo’annoo kun maanguddoota fi hojjattoota dhaabbilee fayyaa keessa hojjattanii fi hawaasa lakkoofsan muraasa keessaa bahaniif, talaalliin dursa akka kennamuf ni gargaara jedhanii akka abdatan Dr Maanish himaniiru.

Qorattoonni akka akeekanitti, ‘’sanyiin wal qoodinsi fi caaseeffamni moggaatti hawaasa qomoon muraasa ta’an dhiibu, carraa vaayirasichaaf saaxilamuusaanii dabaleera,’’ jedhanii akeekan.

Qorannoon kun kan ifoomes, gama saayiinsiirratti gorsitoonni mootummaa, qoodinsi sanyummaa carraa vaayirasichaan saaxilamuu wajjin hidhata akka hin qabne ibsuu hordofuudhaan ture.