Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo US 2020: Tiraamp 'injifatamuu isaa amanuu diduun 'salphinadha' jedhan Baayidan
Filannoo torbee darbee irratti injifatamuu isaanii amanuu diduun Donaald Tiraamp "salphinadha" jedhan Joo Baayidan.
Injifannoo isaanii booda hogganoota addunyaa waliin wal-qunnamaa kan jiran Joo Baayidan - humni wal harkaa fuudhiinsa aangoo hambisu hin jiru jedhaniiru.
Donaald Tiraamp filannoo miidiyaalee US wal tumsanii kan injifate Joo Baayidan ta'uu labsan, akka gaariitti injifadha ture jechuun tiwiit godhan.
Miidiyaaleen US akkuma yeroo kaanii nama injifate dursanii mirkaneessanii himan.
Sagaleen ammallee lakkaa'amuu kan itti fufe yoo ta'u, isteetiiwwanis amma yoonaa bu'aa filannoo hin mirkaneessine.
Miidiyaaleen ragaa argatanirraa ka'uun eenyu akka injifate mirkaneessanii gabaasuun waanuma baratamaadha.
Bu'aan filannichaa Mudde 14 ifatti labsama.
Baayidan maal jedhan?
Pireezidantii ta'uun kan filataman Joo Baayidan Kibxata waa'ee pireezidant Tiraamp injifatamuu isaanii amanuu diduu maal akka yaadan gaafatamanii turan.
"Dhugaa dubbachuuf, kuni salphinadha jedheen yaada. Kuni duudhaa pireezidantummaa balleessa," jedhan.
Joo Baayidan wayita bulchiinsa Ameerikaa fudhachuuf qophaa'aa jiran kanatti, hogantoota biyyoota addunyaa waliin bilbilaan haasa'aa jiru.
MM UK Booriis Joonsan, kan Ayarlaand Maayikil Martin, pireezidantii Firaans Imaanu'eel Makiroon fi chaansilarii Jarmanii Angelaa Meerkel kanneen Kibxata waliin mari'atani.
Waa'ee haasaa isaanii wanti jedhan: "Ameerikaan akka deebite itti hime. Amma taphatti deebineerra."
Haa ta'u malee wayita isaan aangoo fudhachuuf qophaa'aa jiranitti, dhaabbanni mootummaa 'General Services Administration' jedhamu kan namoota Tiraamp muudaniin bulu rakkoo uumaa jira.
Dhaabbanni kun pireezidantiin haaraa filatamu sochii wal harkaa fuudhinsaa taasisuuf maallaqa ramaduu fi dhaabbilee federaalaa waliin hariiroo akka uummatu gargaara ture.
Amma garuu Joo Baayidan akka filannoo injifatan beekamtii kennuufi dide.
Kunis ta'ee Joo Baayidan "wanti nu dhaabu hin jiru" jechaa jiru.
Donaald Tiraamp Joo Baayidan filannoo kana kan injifatan 'hannaani' jedhu. Kanaaf garuu hanga yoonaa ragaa qabatamaa hin dhiyeessine.
Isteetiiwwan adeemsa filannoorratti rakkoon mudateera jedhanii himata bananitti himatni isaanii ilaalamaa jira.