MM Abiy Baayidaniin baga gammadde jedhan, waliin akka hojjetanis himan

Madda suuraa, Feesbuukii MM Abiy Ahmad
Injifannoo qondaalli dimokiraatotaa gonfataniin booda qondaaltonni biyyoota Afriikaa garaagaraa erga baga gammaddanii ergaafii jiru.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Joo Baayidan fi Kamaalaa Hariis'n baga gammaddan jedhanii biyyisaanii Itoophiyaan Ameerikaa hariirooshee daranuu cimsuun akka waliin hojjechuuf fedhii qabdu tiwiitarii isaaniirratti barreessan.
Erga Pirezidaanti Doonaald Tiraamp dubbi hidha haaromsaa Itoophiyaa irratti dubbataniin biyyattii mufachiisanii as hariiroon Itoophiyaa fi US akka duraa miti.
Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Muhammaduu Buhaarii erga baga geessanii Joo Baayidaniif erga erganii booda, biyyisaanii US waliin qindoomina guddaa uumuun hojjechuu akka feetu ibsan.
''Filatamuun kee gatii dimokiraasiin qabu nu yaadachiise. Dimokiraasiin uummanni karaa nagana mootummaasaa jijjiiruu akka danda’uuf carraa bana waan ta’eef’’ jedhan Buhaariin.
Akka Pirezidaanti Buhaariin jedhanitti aangoon harka garee siyaasaa osoo hin taane filattoota sagaleesaaniitiin egeree qaamolee siyaasaa murteessaniidha.
''Joo Baayidan waggoota 40’f miseensa kongireesii ta’uun hojjetaniiru, marsaa pirezidaantummaa lama ammo Pirezidaantii Itti Aanaa ta’uun tajaajilan. Kun hundi bulchiinsa isaaniif galtee gaarii ta’u’’ jedhan.
Erga Joo Baayidan filatamanii US waliin gama diinagdee, dippiloomaasii fi siyaasaatiin hariiroosaanii cimsuu akka fedhanis ibsan.
Joo Baayidan biyyoota Afriikaa waliin hariiroo michummaa akka eegalanii fi fedhii fi faayidaa biyyoota lameenii mirkaneessuurratti akka cimanis gaafatan.
Pirezidaantiin Keenyaa Uhuruu Keeniyaataanis Joo Baayidaniin baga gammadde jedhanii, Doonaald Tiraampiin ammoo waan biyya keenya, Keeniyaa waliin qindoominaan hojjetaa turtaniif galatoomaa jedhaniin, akka gabaasa Natinos Breaking News’tti.
Uummata Yugaandaa bakka bu’ee Pirezidaantii Ameerikaa haaraa filatamniin baga gammadden jedha jedhan Pirezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Museveenii.
Ameerikaa keessa lammiileen gurraachi miiliyoona 47.4 ta’an kan dhiigaan nu waliin hidhata qaban jiru kan jedhan pirezidaanti Museveeniin, US carraa kana fayyadamuun Afriikaa waliin hariiroo uumaa turte jedhan.
Keessattuu pirezidaantonni duraanii carraa daldalaa AGOA jedhamu kan meeshaalee Afriikaa gosa 6,500 ta’an gara US erguuf haala mijeessu uumuudhaan biyyoota Afriikaa gargaaraa turan jedhan.
Pirezidaantiin haaraa filataman kun waan kana bakkatti deebisu jennee abdanna jedhan.
Egaan baga gammaddanii Afriikaa Kibbaarraas Joo Baayidanii fi gareesaanii ga'eera.
Yeroof dubbi himaa Pirezidaanti Siiril Raamaapoosaa kan ta'an Tyrone Seale, Joo Baayidan fi Itti Aantuusaaniitiin baga gammaddan jedhan.
Pirezidaantiin Gaanaa Naanaa Akulfoo-Adoo gamasaanii Jooseef Rabinette Baayidan fi Kamaalaa Hariis'n baga irra aantan jedhaniin.
Yeroon turtii Baayidan kan itti nageenyi, badhaadhinnii fi tokkummaan itti mirkanaa'u akka ta'u nan abdadha.
Hariiroon Gaanaa fi Ameerikaa kan kanaan duraa caalaa cimee itti fufas jedhan.














