Lammiileen Indiyaa sukkaara bayyee akka fayyadaman duulli geggeefamaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Indiyaatti oomishni sukkaaraa garamalee taanaan ummanni kan durii caalaa akka fayyadamu duulli geggeefamaa jira.
Waldaan Indian Sugar Mills Association jedhamu isa sukkaarri fayyaa irratti rakkoo fiduufi yaadota dogoggoraa sukkaara irratti kennaman jedhe cabsuun duula kana kan gaggeessaa jiru.
Lammiileen biyyattii waggaattii gidduugalaan sukkaara kg19 fayyadamu,kunimmoo akka addunyaatti baayyee gadi-bu’aa dha,
Haa tahu malee waan mi’aawaa nyaachuun immoo addunyaarraa tarree biyyoota jalqabaarra jirti biyyattiin. Bara kana oomishni harka 13n akka dabalu eegamaa ture. Mootummaan dhiyeessii akka malee hir’isuuf jecha oomisha kana qarshiin deeggaruu dhaabeera.
Waldaa Indian Sugar Mills Association immoo marsariitii haaraa baneerratti keewwata ‘’Nyaadhaa,Dhugaa,Fayyaa Tahaa:Sukkaarri hangi xiqqoo badaa isin hin miidhu,’’ jedhu maxxanseera.
Duula miidiyaa hawaasummaan dabalata, bilcheessitoonni nyaataa beekamoo fi namooti dhimma fayyaarratti leenjii kennan duulicharratti hirmaachaa jiru.
Akkaataa nyaatni mi’ooftuu itti hojjetamuufi mi’eessituu nam-tolchee fayyadamuun miidhaa inni fayyaa irratti qabu barsiisaa turan.
Yeroo marsariitichi eebbifamu barreesaan waajira nyaataa Indiyaa Sudaanshuu Paandeey ''sukkaarri kabaja isaaf malu hin arganne,'' jechuun dubbatan.
‘’Waa’ee sukkaaraa oduun dhugaa hin taane baayyeetu himama,ragaa saayinsawaas hin qabu baayyeen,’’ jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Haala fayyaalessa taheen….
Duulli kuni isa biyyoota biraatti namootni hanga sukkaaraa fayyadaman akka hir’isan itti himamu faallaa adeemaa jira.
Sukkaarri rakkoo fayyaa baayyee waliin wal-qabata,dhukkuba sukkaaraa dabalatee furdinni gara-maleef nama saaxila.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sukkaara yeroo baayyee dhugaatiifi nyaatatti naqamuu fi dammaaf cuunfaa kuduraa keessatti argamutti xiyyeefachuun namoonni akka hir’isan hojjeta.
Indiyaatti qonnaan bultoonni miiliyoona 50 tahan shonkoraa oomishu,kaan immoo shonkoricha caccabsuufi daakuu irratti yoo hojjetan gariin immoo ni geejibu.
Mootummaan oomishni sukkaaraa alatti akka ergamuuf jecha oomishtoota ni gargaara,biyyooti kaan garuu kana ni mormu.
Karaan biraa sukkaaraa itti fayyadaman immoo gara Itaanooliitti jijjiiruun boba’aa gochuu dha.
Waldichis oomishni Itaanoolii bara kanaa litiroo biiliyoona 1.9 gara biiliyoona 3tti ol guddata jedheera.














