Hogganaan paartii mormituu Taanzaaniyaa to’atame

Filannoo Taanzaaniyaa hordofuun hoggantoonni paartii mormituu hiriira nagaa waaman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Filannoo Taanzaaniyaa hordofuun hoggantoonni paartii mormituu hiriira nagaa waaman
Maxxanfame

Poolisiin Taanzaaniyaa filannoo biyyattii walfalmisiisaa ta’ee hordofee hogganaa paartii mormituu cimaa to’ate.

Akka poolisiin jedhutti, Mr Firiimaan Mibowii hoggaantoota paartii Chadimaa biroo lama waliin hiriirawwan mormii hokkara kaasan karoorsaa jiru jedhamuun hidhaman.

Pirezedant Joon Magufuulii sagalee %84 argachuun irra deebiin filatamuu bu’aan filannoo Jimataa ibsame ni agarsiisa.

Paartiin mormituu garuu sagaleen filannoo Roobii darbe kenname burjaaja’aa akka ta’e ibsuun, hiriirri nagaa qabeessi biyyattii keessatti akka bahamu gaafate.

Kaadhimamaan pirezedantii paartii mormituu Chademaa Tunduu Liisuu BBCtti akka himetti, kutaalee biyyattii kanneen biroo keessattis hoggantoonni paartii mormituu hidhamaniiru.

Mr Liisuun filannoorratti sagalee deeggarsaa %13 argachuu Komishiiniin Filannoo biyyattii ibseera.

Torban darbe keessa bakka buutonni paartisaanii buufatalee filannoo muraasa akka hin seenne dhorkamuu himachaas turan.

Sambattaan darbe kanammoo Mr Mibowii dabalatee, hoggantoonni paartii Chademaa biroofi paartileen mormituu kaanis deeggartoonni isaanii hiriira mormii karaa nagaatti akka hirmaataniifi filannoon haaraan akka gaggeeffamu gaafataa turan.

Haata’u malee, poolisiin biyyattii garuu mormitoonni bakka gabaafi buufaalee boba’aa akka gubuuf karoorfatan ragaa basaasaa argannneerra jedhe himate.

Hogganaan ACT-Wazalendoo Zittoo Kabiwii, Sambata “hiriira bahuun egeree biyya keenyaafidha,” jedhee ture.

Itti dabaluun, “Sirna paartii tokkicha qofaan buluutti deebi’uu hin fudhannu,” jedhe.

Wixata hiriirri mormii Taanzaaniyaatti ta’e odola of bulchaan kanneen akka Zaanzibaarittis hin bahamne.

Poolisiin biyyattii nama hiriira irratti hirmaatu kamiyyuu qabee akka hidhu doorsiseera.

Kun otoo kanaan jiruu, Komishiniin Filannoo biyyattii(NEC), filannoon burjaaja’uu kan mormitoonni kaasan fudhatama dhabsiiseera.

Taajjabdoonni Hawaasa Baha Afrikaa filannicha ilaalchisuun wayita yaada kennan garuu, “filannichi akkaataa idileetiin raawwatame,” jechuun ibse.

Imbasiin Ameerikaa Dar es Salaamitti argamu amanamummaa bu’aa filannoorratti shakkiin akka jiru ibsee ture.

Keessattu kutannoo mootummaan Taanzaaniyaa dimokiraasiif qaburratti yaaddoo akka qabu ibsee ture.

Paartiin biyya bulchaa jiru, CCM, bara 1977- 1992tti paartii seeraan beekamtii/eeyyama argate ta’ee qofaa bulchaa ture.

Paartichi bara sanaarra kaasee filannoo paartileen hedduu hirmaachise hunduma injifataa ture.

Paartichi bara biyyattiin birmadumaa gonfattu kan bulchaa ture paartii ‘Tanganyika African National Union’ wajjiin walitti dabalamuun hundeeffame.

Paarticha bakka bu’uun pirezedant Magufuuliin bara 2015 filannoo injifatanii aangoo qabatan.