Koronaavaayirasii: Akkuma guyyaan filannoon US dhihaate lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii riikardii cabse

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa Kamisaa qofa namoonni 91,000 Ameerikaatti koronaavaayirasiin qabamuun gabaafame. Namoonni 1,000 ol ta’anis guyyuma sana du’aniiru.
Kuni, yeroo US filannoo gaggeessuuf guyyoonni muraasni hafanitti galmaa'e.
Akka ragaan agarsiisutti lakkoofsi namoota hospitaala seenanifi lubbuu dhabanii oluma dabalaa jira.
Akka ragaan yuunvarsitii Joon Hoopkins agarsiisutti, lakkoofsi namoota Ameerikaatti koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona sagalitti hiiqeera.
Ji’a kana keessa qofa guyyaatti lakkoofsi namoota guyyaatti du’anii 1,000 caaluun kuni marroo sadaffaaf ta’u Rooyitars gabaasera.
Weerarri dhibichaa kutaalee bulchiinsa Ameerikaa 21 keessatti kan mudate yoo ta’u, iddoo weerarri itti hammaate keessaa kutaaleen Ameerikaa filannoo baranaaf ijoo ta’an muraasni keessatti argamu.
Isaan keessaa tokko Wiskonsiini.
Hospitaalli Giriin Beey, Wiskonsinitti argamu hirirri pirezidant Tiraamp deeggaruuf Jimaata bahame weerara vaayirasicha ittuu caalatti akka hin hammeessine yaaddoo qaba jedheera.
Ibsi hospitaalonni waliin kennaniin Wiskonsiin kutaalee US weerarri vaayirasichaa saffisaan faca'e keessaa tokkodha jechuun namoonni hedduu akka walitti hin qabamne gaafataniiru.
Jimaata Tiraamp otoo hiriirichi hin gaggeeffamiin dura ‘’ammuma qorannoon dabalu, lakkoofsi namoota qabamaniis ol dabala’’ jedhanii toora tiwitaraa gubbatti barreessan.
Hiriira Tiraampi deeggaruuf bahameeratti namoota hirmaataniif sakatta’insi erga godhame booda maaskiin kennamaafi ture.
Sagantichi bakkeetti gaggeeffamaa turullee, hiriirtoonni maaskii keewwachuu dhiisanii, waliirraa hiiquus didan.
Wayita morkataan isaanii Joo Baayideen duula filannoo gaggeessa turanitti garuu, namoonni akka waliirraa hiiqaniifi hiriirtoonni konkolaataasaanii keessa akka turan tasifame.
Ameerikaatti amma yoonatti lakkoofsi namoota sababa koroonaavaayirasiin du’anii 228,000 caaleera.
Ogeeyyiin biiroo fayyaa biyyattiis weerarri vaayirasichaa waqtii qufaan hammaatuun waliirra amma bu’aa adeemu, lakkoofsi namoota vaayirasiin qabamanii fi du’anii dabaluu akka danda’u akeekkachiisaniiru.
Ogeessii dhibeewwan daddarboofi Waayit Haawusitti miseensi koree to’annoo koronaavaayirasii Dr Antoonii Faawuchii, Roobii darbe ‘’Ameerikaan kallattii dogoggoora qabatte’’ jechuun CNBC'tti himanii turan.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















