Finfinnee: Ogeeyyiin fayyaa wiirtulee Covid19 keessa hojjetan 'waadaan nuuf seename hin raawwanne' jedhan

Maxxanfame

Wiirtulee koronaavaayirasii to’achuuf waajira eegumsa fayyaa Finfinnee jalatti dhaabatan keessa ogeessonni fayyaa hojjetan waadaan yeroo garaagaraa isaaniif seename akka hin raawwatamne komii dhageessisan.

Weerarrri kun erga mudateen booda dhiibbaan ogeessota irra jiraatu tilmaamuun mootummaan cinaa akka dhaabatu himee ture.

Haaluma kanaan manni maree ministeerotaa kora dhaabbataa 83ffaa Caamsaa 14/2012 gaggeesseen ogeessotni namoota Covid19n qabamaniif tajaajila kallattii kennan durgoon addaa akka kaffalamuuf murteessuu ogeessonni fayyaa BBCtti himaniiru.

Manni marichi akka ogummaa fi haala hojii isaanitti qarshii 1150 hanga 300 guyyaatti akka kaffalamuuf murteessee ture.

Haaluma kanaan wiirtuuleen fayyaa mootummaa federaalaan bulan kanneen akka Eekkaa Kotabee, Hospitaala Phaawuloos, Hospitaala Mileeniyamiifi naannolee tokko tokko keessattis durgoon kaffalamuu ibsu ogeessonni kunneen.

Haa tahu malee buufataaleen fayyaa fi hospitaalonni muraasni waajjira fayyaa Finfinnee jalatti bulan hanga yoonaa ogeessaaf kaffaltii akka hin kennine ogeessonni kunneen dubbataniiru.

‘’Erga qajeelfamichi bahee as nuuf kafalama jennee eegnee dadhabnaan falmuutti kaane,’’ jedhu kutaa magaalaa Gullalleetti hojjetaa wiirtuu Covid19 kan tahan Obbo Diinoo Jamaal.

Ogeessonni fayyaa 1158 tahan bakka buutota isaanii filachuun maaliif akka isaaniif hin kaffalamne gaafachaa jiraachuu himaniiru.

Bakka buutota kunneen keessaa tokko kan tahan Obbo Kadiir Sahaalii yeroo weerarichi biyya galee, namni baqataa turettillee dirqama ogummaa isaanii bahachuu dubbatu.

Ogeessi maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan immoo yeroo kaffaltii dabalataa argachuun hin danda’amnettillee hojjechaa turuu dubbatu.

Haa tahu malee hojii kana jalqabanii ji’a lama keessatti akka hojiirra oolu qajeelfamni bahe milkaa’uu dhabuun komii akka isaanitti uume dubbatu.

‘’Waa’elootni waajjira fayyaa Finfinnee deemanii gaafatan, bajatni hin jiru jedhamaniitu deebia’an. Yoo bajatni hin jiru tahee, durumaa akkamiin eeyyamame,’’ jedhu.

Gaaffii kana irra deddeebiin dhiyeessanillee deebii quubsaa argachuua akka hin dandeenye dubbatu.

''Kaffaltichi gara birrii miiliyoona lamaa ijaa tahuuf akka isaanitti ulfaatuufi ogeessonni wiirtuu Covid19 ala jiran caalaatti saaxilamoo tahuufi isaaniin dabalachuu dhabuun raawwiidhaaf mijata miti, deebiin jedhu akka isaaniif kenname,'' Obbo Diinoon dubbatu.

Ministeerri eegumsa fayyaa immoo dhimmichi nan ilaallatu jechuufi amma kaabinee magaalaa Finfinneef xalayaa barreessanii eeggachaa akka jiran himu.

Manni marichaa ifatti ogeessota fayyaa kallattiin Covid19 irratti hojjetaniif qajeelfama baase, ogeessota kallattiin hin hojjenne fayyaduuf jecha haala raawwii geeddarame jechuun qeeqaniiru.

Dhimma kanarratti komiin isaan siviil sarviisiidhaaf dhiyeessan ‘yoo hin barbaanne gadhiisuu dandeessu, namni hojii barbaadu baayyetu jira,’’ deebii jedhu akka argatan himu.

Dabalataan yeroo Injinar Taakkala Uumaan kantiibaa turanitti manni akka isaanif kennamu waadaan galamee odeeffannoo barbaachisu galchanii kan turan tahus, amma garuu ‘daataa funaanaa’ jirra deebii jedhu hanga yoona akka isaaniif hin kennamne dubbatu.

Duraan waan isaan gaafatan tahuu baatus erga waadaa seenamee silaa raawwatamuu qaba jedhu.

Dhimma gibira hir’isuu

Hakiimni waliigalaa maqaan isaanii akka hin waamamne gaafatan hanga yoonaa gibirri galii akka hin kaane fi 'duty’n' ykn durgoon hojii dhaabbata fayyaa kam keessattillee sirnaan akka hin kaffalamne dubbatan.

‘’Ogeessi hundi vaayirasichaaf saaxilamaa dha yoo jedhame inshuraansiin kennamuufi qaba. Unuun maatiin otoo sinii kaffalamuu eessa dhaqattan nuun jedhu."

Seeruma isaan baasan gaafachaa jirra. Maaliif daddabsu, uummanni gibirri isiniif hafeera jedheetu yaada,’’ jedhu Oboo Kadiir.

Kana booda tarkaanfii attamii akka fudhatan BBC’n gaafannaan,’’hojii dhaabuuf hin yaadne, hojiin akka addaan hin cinnee fi kan bakka bu’oota ergine" jedhan.

"Uummannis akka nuu beekuuf gama miidiyaan himachaa jirra. Haala koree keenyaa ilaallee gara mana murtii deemuu dandeenya,’’ jedhan Obbo Diinoon.

Deebii Waajira Fayyaa Finfinnee

Doktar Mulugeetaa Indaala Waajira Fayyaa Finfinneetti itti gaafatamaa itti aanaan dha.

Akka isaan jedhanitti qajeelfamni kun erga baheen booda raawwachiisuuf rakkoon isaan mudateera.

Qajeelfamichi jalqaba warra kallattiin dhukkubsattoota Covid19n qabaman ogeessota yaalaniifi ittisa dhukkubichaa irratti hirmaataniif ture durgoon addaa sun kan eeyyamame.

Haa tahu malee ogeessi hundu kallatti fi al-kallattiin hirmaachaa waan jiraniif raawwachiisuun nu rakkise jedhu.

Kana malees naannolee fi bulchiinsonni magaalaa haala isaaniif mijatuun qajeelfamicha akka hojiirra oolchan waan eeyyamuuf filannoo garagaraa fayyadamuun hojiirra oolchuuf yaalii taasisuu dubbatu.

Kana malees gaaffiin bajataa raawwiidhaaf danqaa birradha jedhu. ‘’Bulchiinsi magaalattii baasii guddaarra waan jiruuf sana baachuu waan danda’u miti,’’ jedhu.

Kanaaf akka filannoo biraa fudhatme erga weerarichi biyya seeneen as ogeessota fayyaa Covid19 irratti hojjetaniif gibira irraa hir’isuu dha jedhu.

‘’Ogeessonni gama kamiinuu jiran ofiin balaaf saaxilaniitu hojjechaa jiru. Sanbbattan, halkan galanii hojjetu kanaaf immoo kaffaltii ni kennina. Kaffaltii kanarraa gibirri akka hin kutamne fi bulchiinsichi ofii akka kaffalu kan jedhuun murtaa’e,’’ jedhan.

Jalqaba qajeelfamichi ogeessota balaa tasaa irra hojjetan yaaduun kan bahe tahus, booda weerarichi babal’achaa yoo deemu namooti hirmaatan baay’achaa deemuun geeeddaramaa dhufe jechuun Dr Mulugeetaan BBCtti himan,

Dhimma kanarrattis hojjettoota waliin marii taaisuu himuun ogeessota irraa deebii gaarii argachuu himu.

Ta’us komiin jiraachuu osoo hin haaliin tarkaanfii isaan fudhatan naannoleen isaan hordofaa jiraachuu dubbatu.

Komii ka’uun faallaa kaan immoo ‘’hundi keenyi balaaf saaxilamnee otoo hojjennuu muraasaaf qofa kaffalamuun sirrii mitii,’’ jedhanii kan gaafatan immoo jiru, jedhan.

Dhimma galii irraa gibirri akka hin kutamne taasisuu immoo dhaaboti fayyaa bulchiinsa magaalattii keessa jiran hunda irraa odeeffannoon waan funaanameef guyyoota muraasa keessatti ni hojiirra oola jedhan.

Dhimma manni ogeessotaaf kennamuuf waadaa seename hin raawwanne jedhuufis deebii kennaniiru.

‘’Manni ni kennama waan jedhu akka bulciinsaafi waajiraatti hin jiru. Ogeessa hangamtu mana ofii qabaa hin qabu kan jedhurratti odeeffannoo sassaabuuf bulchiinsi magaalaa gaafachuu qofan beeka.Manni kennama waanti jedhu garuu hin jiru,’’ jedhan