Koronaavaayiras: Qoricha Doonaald Tiraamp ittiin fayyaniif beekamtiin kenname

Qoricha Covid-19 wallaanuuf jalqaba beekamtii US argate

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Ameerikaan namoota dhibee Covid-19f hospitaala galan wallaanuudhaaf qorichi Reemdesviir jedhamu akka hojiirra ooluuf hayyamte.

Abbaan Taayitaa To'annoo Nyaataafi Qorichaa Ameerikaa (AFDA) akka jedhetti, qorichi kun yeroo yaalii kilinikaarra turetti dhukkubsattoonni vaayirasichaa akka dafanii fayyan guyyoota shaniin gabaabsa jedhameera.

Yeroo dhiyeenya kana Covid-19n qabamanii turan Pirezedaant Doonaald Tiraamp qorichi kun kan kennameef yoo ta'u, akka dafanii fayyaniif isaan gargaareera jedhamee ture.

Qorichi maqaan biraandii Veeklerii jedhamu moggaafameef kun qoricha wallaansa koronaavaayirasiif hayyama Abbaa Taayitaa To'annoo Nyaataafi Qorichaa Ameerikaa (AFDA) argachuun kan jalqabaadha.

Torban darbe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Reemdesviir namoota vaayirasichaan qabamanii dhukkubsatan fayyisuurratti bu'aa inni qabu xiqqaadha jedhee ture.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qorannoo ofii isaatiin gaggeesseen akka yaada kanarra gahe dubbatus, dhaabbanni Reemdesviir omishu Gileed jedhamu garuu bu'aa qorannoo WHO kana hin fudhanne ture.

Reemdesviir ji'a Caamsaa darbe irraa kaasee yeroo atattamaan qofaaf akka faayidaarra ooluuf hayyamamee ture.

Akka Abbaa Taayitaa To'annoo Nyaataafi Qorichaa Ameerikaatti, qorichichi namoota ga'eessa ta'aniifi ijoollee umuriin isaanii waggaa 12 guute, akkasumas kanneen ulfaatinni isaanii Kiilogiraamii 40 ta'eef hospitaala dhibee Covid-19f itti wallaanamaa jiran keessatti hojiirra ooluu ni danda'a.

Komishinariin Abbaa Taayitichaa Isteefen Hahaan akka jedhanitti, dhaabbatichi murtee kana irra kan gaheyaaliiwwan kilinikaa irra deddeebiin erga taasise sirriitti sakatta'een boodadha.

Qorannoowwan gara garaa taasifaman keessaa tokko guyyaa itti namoonni fayyan 15 irraa 10tti gadi xiqqeessuun isaa ibsameera.

Qorannoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaa maal jedha?

Dhaabbatichi qorannooqorichoota wal’aansaaf ooluu malu jedhe afur irratti gaggeessera. Isaan keessaa Reemdesviir isaa tokko ture.

Qorichi farra busaa Haayidoksiikilorokiin iii HIV wal’aanuuf kennaman lamaan (lopinavir fi ritonavir) wajjin kanneen yaalaman keessa turaniiru.

Dawaan UK keessatti dhukkubsattoota Covid hordoffii guddaa barbaadan deeggaru bali’naan tajaajilaaf oole Degzametaason qorannoo kana keessatti hin hammatamne ture.

Qorannoo dawaa kanarratti ga’eeyyiin 11,266 kan irratti hirmaatan yoo ta’u, qorannoon kun hospitaalota 500 ol biyyoota 30 keessatti argaman keessatti gaggeeffame. Firiin qorannoo kanaas ilaalamuutti jira.