Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo US 2020: Tiraampiifi Baayidan dhimmoota Covid, sanyummaafi jijjiirama haala qilleensaarratti wal falman
Pireezidant Doonaald Tiraampiifi morkataan isaanii Waayiit Haawus Joo Baayidan sanyummaa, Covid-19, dhimma qilleensaafi kaan irrattis falmii isaanii isa dhumaa gaggeessan.
Covid-19 ilaalchisee Joo Baayideen uggura sochii hambisuun hin barbaachisu yoo jedhan Tiraamp US yeroon itti deebitee banamtu ammaa jedhan.
Guyyaa filannoof guyyoonni 12 yeroo hafan kanatti yaada uummataa sassaabameen Joo Baayidan dursaa jiru.
Hanga ammaattis namootni miiliyoona 46 ta'ana sagalee isaanii kan kennan yoo ta'u sababa Covid-19'n lakkoofsi namoota sagalee kennanii akkaan dabalee jira.
Falmiin Naashvil Teneeseetti gaggeefame isa ji'a darbe gaggeesanii tureefi jeequmsaafi arrabsoon guutamerra kan wayyaa'e ture.
Falmiin kun wayyaa'adha jedhamuus kaadhimamtootni lameen jechaan wal haleelaa, jibba walirratti gaggeessaa turan.
Waayee koroonaavaayiras maal jedhan?
Joo Baayidan gorsitootni uuggurri sochii akka kaahamu yoo gorsan ni fudhattuu jedhamee isa gaafatameef gorsa kana hojiirra akka oolchan himan.
Faallaa kanaan Tiraamp namni hedduun dhukkubicharraa fayyaa jiru waan ta'eef uggura sochii cimsuun dogoggora jedhanii akka amanan himan.
''Biyyi kun biyya guddaa biyya diinagdee guddaadha. namootni hojii isaanii dhabaa jiru, lubbuu ofii baasaa jiru. namni cinqama sammuu, dhugaatiin, waan sammuu hadoochuun yerookamuu caala qabamee jira,'' jedhan.
Baayidan lubbuu namoota 220,000 olii sababa dhibee kanaan darbeef Tiraampiin gaafatamaa godhaniiru. ''Namni du'a namoota hanga kanaaf gaafatamaa ta'e Pireezidantii US ta'ee itti fufuu hin qabuu,'' jedhan.
Waayee sanyiii/gosaa maal jedhan?
Muggutii dhimmaa sanyii wajjiin walqabatu irratti Tiraamp ani nama, ''rakkoo sanyummaa xiqqooo qaban keesasatii," jedhan
Tiraamp wixinee yakkaa bara 1994 kan Joo Baayidan qopheessaniifi sochiin 'Black Lives Matter' yakka gurraachota Ameerikaarratti cimeef akka sababaatti kaasan dhiyeessuun Baayidaniin muggutaniiru.
Gama kaaniin Baayidan Tiraampiin yoo himaatan rakkoowwan sanyummaan walqabatanii ka'an hundatti beenzila naqa jechuun ''Pireezidantii seenaa ammaayyaa kana keessatti rakkoo sanyummaa guddaa qabudha,'' jedhan..
Imaammata daa'imman maatii US keessa jiraachuuf hayyama hin qabnerraa dhalata gargar baasuu irratti qopheessaniifi hojiirra oolchan irratti kan gaafataman Tiraamp bara bulchiinsaa Obaamaafi Baayidaniis wanna turedha jedhan.
Baayidan gama isaaniin fageenya Tiraamp imaammata isaanii kana raawwachuuf imalaniin 'yakka' jechuun ibsan.
Kadhimamtootni lameen dhimma jijjiirama qilleensaa irrattis falmii jabaa gaggeessan.
Joo Baayidan suuta bu'uura diinagdee biyyattii boba'aa irraa gara madda anniisaa haaromfamootti jijjiiru akka yaadan himaniiru.
Tiraamp kanarratti yoo dubbatan karoorri Baayidan Indaastirii boba'aa balleessuudhaa jedhan.