Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Biraazilitti namni qorannoo talaallii Covid-19tti hirmaatu tokko du'us yaaliin gaggeeffamu itti fufeera
Talaalliin Covid-19 dhaabbanni AstiraaZenekaa jedhamuufi Yunvarsiitiin Oksifoord waliin ta'uun gaggeessaa jiran namni yaaliicha keessatti hirmaataa jiru tokko du'e jedhamus qorannoon talaallii kun yaaddoo nageenyaa tokkollee akka hin qabne ibsame.
Namni fedha isaatiin qorannoo talaallii keessatti osoo hirmaataa jiruu du'e kun Biraazilitti.
Aanga'oonni fayyaa Biraazil odeeffannoo nama kanaa kamiyyu kennuurraa of qusataniiru.
Gareen Yunvarsiitii Oksifoord hojii kana gaggeessaa jiru gama isaatiin, dhimmicharratti of eegannoo cimaadhaan qorannoo akka gaggeessuufi talaallichi garuu rakkoo nageenyaa tokkollee akka hin qabne beeksiseera.
Akka odeeffannoo BBCn argatetti ammoo namichi fedhiin yaalii talaallii argachuuf taasifamu keessatti fedhiin hirmaataa ture kun talaallicha hin fudhanne.
Namoota fedhiin talaallii Yunvarsiitiin Oksifoord qorachaa jiru keessatti hirmaatan keessaa walakkaa qofaaf kan isa yaaliirra jiru kan fudhatan. Gareen lamaffaa talaallii boquu gogsaa/manjalloo (meningitis) mirkanaa'aatu kennameef.
Namoonni qorannoo talaallii kana keessatti fedhiin hirmaatan mataan isaanii talaallii isa kan koronaavaayirasii yaa ta'u, isa kan boquu gogsaa waan isaaniif kenname wanti beekan hin jiru. Kun ammo kan taasifamu fedhii isaaniitiin jedhameera.
AstiraaZenekaan gama isaatiin adeemsa yaalii tokkoo tokkoo namootaa irratti yaada kan hin kennineefi yeroo talaaliin taasifamutti garuu of-eegannoon barbaachisoofi tarkaanfiiwwan nageenya fudhatamuu isaanii beeksiseera.
"Haalonni fayyaa murteessoo ta'an hunduu of eeggannootiin qoratamaniiru; ilaalcha keessas galananiiru. Yaalii isaas ta'e adeemsi qorannoo isaas wanti yaaddessaa ta'e kamiyyu irratti hin argamne. Aanga'oonni isaan ilaallatus adeemsicha akka hordofan taasifneerra," jedhan.
Yeroo ammaa yaaliiwwan talaallii gaggeeffamaa jiran abdataman keesaa inni kun kan adda durummaan eeramu yoo ta'u, yeroo dhiyoottis gabaaf akka dhiyaatu ni eegama.
Qorannoon talaallii kun hanga ammaatti sadarkaa yaalii tokkoffaafi sadarkaa yaalii lamaffaa milkaa'inaan kan xumurame yoo ta'u, yaalii sadarkaa sadaffaa xumuruudhaaf ammoo UK, Biraaziliifi Indiyaa keessatti namoota fedhii qaban irratti gaggeessaa jira.
Ji'a darbe UK keessatti gaggeeffamaa kan ture miidhaa maddee qabaachuu danda'a jechuun addaan cite kan ture yoo ta'u, guyyoota muraasaan booda garuu yaalii sana gaggeessuudhaaf yaaddoon tokkollee akka hin jiraanne ibsamuu isaatiin akka irra deebiyamee jalkqabamu taasifameera.
Abbaan Taayitaa Biraazil namni fedhiin yaalii talaallii keessatti hirmaataa ture lubbuun isaa darbuu dheengadda dhaga'uu beeksiseera.
Sabaa himaaleen Biraazil akka gabaasanitti namni lubbuun isaa darbe kun ogeessa fayyaa umuriin isaa waggaa 28 ta'eefi Covid-19n walqabatee akka ta'edha.
Talaalliin kun hayyama guutuu kan argatu yoo ta'e Biraazil bilqaaxiiwwan miliyoona hedduu bitachuudhaaf murteessiteetti.
Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoonni miliyoona 5.3 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, Ameerikaafi Indiyaatti aansuun addunyaa irratti sadafarratti argamti.
Lakkoofsi namoota sababa dhibee kanaan biyyattii keessatti lubbuun darbe ammoo kuma 155 qaqqabuun isaa mirkanaa'eera.