Kaandiis Maamaa: ‘Nama abbaa kiyya ajjeesen ofitti qabee hammadhe'

Kandiis Maamaa

Madda suuraa, Candice Mama

Maxxanfame

Kaandiis Maamaa abbaanshee haala sukkaneessaan ajjeefamuu kan argite umriishee waggaa sagalitti ture. Gadadoo sababa ajjeefamuu abbaasheetiin keessa seente garuu waggoota booda waan biraadhaan jijjiirteetti.

Kandiis waggaa hedduu booda nama abbaashee ajjeese, kan gocha hammeenyummaa isaarraa kan ka'e maqaan masoo ''Prime Evil'' jedhu kennameef barbaaddee dhiifama gaafachuu kaayyeffatte.

Namni kun maqaansaa sirriin Eugene de Kock jedhama.

Abbaan Kandiis, Glenack Masilo Maamaa wayitasheen dhalattee reefuu ji'a saddeet jirtu irraa ajjeefame.

Kaandiis Maamaa bara 1991 Afriikaa Kibbaatti dhalatte.

Kandiis daa'ima taatee haadhaa fi abbaashee waliin

Madda suuraa, Candice Mama

Ibsa waa'ee suuraa, Kandiis daa'ima taatee haadhaa fi abbaashee waliin

Yeroo ammaa umriinshee waggaa 29 kan ta'e Kaandiis, ajjeefamuu abbaashee fi eenyuun akka ajjeefame ijoollummaasheerraa kaastee ni beekti turte.

Kan abbaashee ajjeese, Eugene de Kock, garee poolisii namoota sirna appaartaayidiin morkan dararu keessatti komaandara ta'uun ajajaa ture.

Kandiis waa'ee ajjeefamuu abbaashee fi dararaa irra ga'aa ture haadhasheerraa dhagahaa guddatte, wayita umriinshee waggaa sagal ga'uu garuu ofumaan kitaaba ''Into the Heart of Darkness-Cofessions of Apartheid Assassins'' jedhamurraa argite.

Kitaabni kun namoota qabsoo farra appaartaayidii keessatti qooda olaanaa gumaachaa turan irratti xiyyeeffatee kan barreeffame yoo ta'u, abbaanshees appaartaayidii dura dhaabbachuu keessatti nama qooda guddaa gumaachan turan.

Eugene de Kock

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Eugene de Kock (maqaa masoo: Prime Evil)

Kandiis waan kitaaba kanarraa argite haadhasheetti himaa hin turre.

Miirri fi aariin isheetti dhagahamu ammoo gara hamaatti deemuu eegale.

Garuu ciminaa fi kutannoo abbaanshee qabaachaa ture dubbisuun ittiin jajjabaachaa turte.

Abbaa Kandiis ,Glenack Masilo umriisaa ganna 21'tti

Madda suuraa, Candice Mama

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaa Kandiis ,Glenack Masilo umriisaa ganna 21'tti

Garuu aarii fi yaaddoon waa'ee abbaashee akkaan ishee miidhuu eegale.

Umriishee waggaa 16tti Kandiis lapheeshee keessa dhukkubfattee mana yaalaa deemtee wayita turte, dhibee onneen qaba seetee baay'ee rifattee turte.

Akka Kandiis jettutti keessi ishee rakkoo dhibiidhaan miidhamaa fi gubataa waan jiruuf of-ilaaluu akka qabdu doktarri yaada laateeraaf.

Isheenis rakkoon nagaa ishee dhowwaa jiru, keessaa isheetii boqonnaa akka ishee dhowwaa jiruufi rakkoo kana qabattee fuulduratti deemuuf abdii akka kutatte erga hubattee booda haalashee jijjiiruuf dirqamte.

Kandiis kan keessasheetii ishee gubee miidhaa irraan ga'aa jiru, yaada abbaashee ta'uu hubatte, akkaataa ittiin waan kanaaf furmaata laattu irratti hojjechuu eegalte.

Afriikaa Kibbaatti bara 1995 keessa erga Pirezidaanti Neelsan Mandeellaan filatamanii booda maqaan namoota qabsoo farra sirna Appaartaayidii dura dhaabbatanii sakaalaaa turanii fi qabsaa'ota dararaa turanii guutummaan barraa'ee maxxanfamee ture.

Kandiis barreeffama sana keessaa maqaa nama abbaashee ajjeesee barbaaddee argatte.

Yeroo muraasa booda murtee namni irraa hin eegne murteessite- nama lubbuu qaalii abbaashee galaafateef dhiifama gochuu.

''Gara jalqaba akka haalootti ba'ummaatti eegale. Wayitan waa'ee nama kanaa yaadu akka waan na to'atee jiruuttan yaada. Na rifachiisa. Miira kiyya keessaan ba'a.

Namni abbaa kiyya galaafate anallee waan dhiisu natti hin fakkaatu. Kana hundaaf furmaati dhiifama. Dhiifamni waanuma amma goonee dhiifnu osoo hin taane waan yeroo hunda akkaan barbaachisuudha.'' jette Kandiis.

Shamarree umriinshee kurna keessa jiru taatee garuu miirashee to'achuu dandeesseetti Kandiis.

''Miiran Eugene'f qabuu fi taatee raawwate wayitan hir'isaa deemu, nama kanaafis akkan dhiifama gochuu qabutu naaf ife.

Anaaf dhiifama jechuun kanadha. Taatee uumameefi miira keenya dagachuu qofa osoo hin taane nama itti mufaneefis dhiifama gochuutu nu fayyisa'' jetti Kandiis.

Kandiis Maamaa

Madda suuraa, Candice Mama