Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Gosti simbirroota hundi qaamaan xiqqaachaa, baalleen guddachaa dhufan', jedha qorannoon
Hanguma haalli qilleensaa ho'aa deemuun sibiroonni shunturuun qaamaan xiqqachaa yoo demu dandeettiin barrisuu isaanii ammoo dabalaa deemuu agarsiisa qorannoo haaraan ifa ta'e tokko.
Qorattoonnis sanyiiwwan simbiraa 70,716 kanneen Ameerikaa Kaabaa 52 irraa godaanuun dhufan waggoota 40 oliif walitti qabuun qorannoo gaggeessaniiru.
Barreessaan qorannichaa akka himeetti, qorannichi baayyee bal'aa waan ta'eef beeladoonni attamiin jiijirama qilleensaa akka dandamatan hubachuuf akka gargaaru hima.
''Gost simbiraa hundi xiqqaachaa akka dhufan bira geenyee jirra,'' jedhan hoogganaan qorannichaa Yunivarsitii Michiganiitti pirofesar mana barnootaa naannoofi walitti fufiinsaa kan ta'an Birn Weeks.
''Gosti simbirrotaa baayyeedha garuu haala bineensoonni itti jijjirama qilleensaa itti dandamatan ammoo gadaanaadha'' jedhan. Haata'u malee haalli walitti fufiinsa taatee kanaa baayyee naasisaadha jedheera.
Haalli dandamannaa haala qilleensaa simbirrootaa yeroo heddu ballina dachii ykn sa'aatiin taateewwan jireenyaa kan akka godaansaa ni jijjirama.
haa ta'u malee, qorannoon kunis haalli qaamasaanii baayyee murteessaadha jedha.
"Kunis dhiibbaa isaa olaanaadha," jedheera. Gosti simbiraa kunneenis attamiin akka jijjirama qilleensaa kana dandamatan hubachuun baayyee rakkisadhas jedha.
Qorannoon kun akka mul'iseetti ammoo, bara 1978 irraa hanga 2016'tti dheerinni lafee miila simbiraa inni gaduu, kan guddina qaamaa safaruuf ooluu %2.4 kan gabaabate yoo ta'u, baalallaan isaanii ammoo %1.3n dheerateera.
Ragaaleen akka mul'isaniitti haala ho'aatu qaamni simbirroota kanneen akka xiqqaachuun baalleen'kaattuun isaanii akka dheeraatuuf gumaache.
''Godaansi hojii olaanaa jireenya isaani keessatti simbirroonni raawwataniidha,'' jedha Mr Weeks. Itti dabaluunis, simbirroonni ulfinni qaamasaanii xiqqaadha jechuunis imala dheeraa taasisan raawwachuuf humni barbaadan xiqqaa ta'a jechuudhas jedha.
Baalleen/kaattuun isaanii guddachuunis hir'ina qaama isaanii bakka waan bu'uuf imalaan ni gargaaras jedha qorataan kun.
Saayintistoonnis haalli qilleensaa ho'aa maaliif simbirroonni akka shunturaan akka taasisuu adda hin baafne. Falaasamni bineensoonni xixiqqoonni haala qorra hinqabneetti caalaa baruuf ni danda'u jedhu jira.
Ho'a qaamaa atattamaan hir'isuu jedha.
Bara 1978'tti, qorattoota keessaa tokko kan da'ee Davis simbirroota tibba godaansaa gamootti bu'uun du'an walitti qabuuf bariin ka'a.
Simbirroonni akkuma baramee kan goodaanan alkan keessaadha. Kanaafuu ibsaa nam-tolchee gamoowwanitiin harkifamuun foddaawwanitti bu'uun du'u. Waggaa waggaanis simbirroonni miliyoonata dhiibaaan lakkaa'aman gamootti bu'uun akka du'an tilmaamama.
''Davis waa'ee qorannoo sammuu hinqabu ture garuu gara fuula duraatti ni fayyadu ta'a jechuun ture kan walitti qabaa ture,'' jedha Mr Weeks.
Baroota keessatti ammoo, tola oltoonni baayyeefi saayintisitoonni yaalii waliinii kanaaf gumaata taasisaniiru.
Mr Willard gosawwan simbiraa 70,716n ofiisaatiin mala walfakkaataa fayyadamuun safareera. Waraqaan qorannoo kanaatiis barruu 'Ecology Letters'' keessatti maxxansfameera.
Aragannoo qorannichaas ragaa guddina qaamaa bineensoonni haala qilleensaa ho'aa keessatti walitti sunturu jedhuu kan dhugomsuudha.
Bara 2014 keessaa, qorattoonni re'oonni (alpine goats) haala ho'aarraa kan ka'ee shuunturaa akka jiran adda baasee ture.
Baruma walfakkaataattis, qorannoon gara biraa tokko, hangi ilbiisoota gosa gaararraa (salamanders) jijjirama qilleensaatiin walqabatee baayyee waliitti shunturuun xiqqaachaa jiru jedheera.