Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US'tti ibidda lafa heektaara miliyoonotaan mancaaseen namootni 30 ol du'an
Namootni 30 ol ta'an ibidda bosonaa qarqara Lixa Ameerikaatti babal'ateen lubbuun isaanii darbuu aanga'oonni beeksisan.
Origoon keessatti qofa achi buuteen namoota hedduu dhabameera. Kutaan biyyaa sun lubbuu namoota hedduu dhabuu hin ooltu kanaaf qophaa'uu qabdii jedhu hojjettootni yeroo balaa.
Ibiddi kun Origoon, Kaalifoorniyaa fi Waashingitan keessatti torban sadiif balaa geessisaa kan jiru yommuu ta'u lafa heektaara miiliyoonaan lakkaawamuu fi manneen hedduu mancaaseera.
Sababa kanaattis namootni kumoota dhibba hedduu ta'an qe'ee isaaniirraa buqqa'uuf dirqamaniiru.
Kaadhimamaa pireezidantii paartii Dimookraatotaa kan ta'an Joo Baayidan Sanbata kaleessaa haasaa godhaniin ''jijjiiramni qilleensaa jiruuf jireenya keenyarratti balaa guddaa uumeera'' jechuun akeekkachiisan.
Itti dabaluuniis pireezidant Doonaald Tiraamp dhiibbaa jijjiirama qilleensaattii waan hin amanneef dhugaa kana haala jechuun qeeqaniiru.
Kaalifoorniyaatti balaa qaqqabe ilaaluuf Wiixata garasitti kan imalan Pireezidant Tiraamp, balaan ibiddaa kun kan uumame qabiinsi bosonaa waan laaffateefi jechuun qeeqan.
Ibiddichi hanga ammaatti lafa hanga Niiw Jeersiiy ta'u nyaachuu aanga'oonni dubbataniiru.
Aarri sababa ibiddaa kanaan uumamees magaala guddoo Origoon, Poortlaandiin addunyaarratti magaalaa qulqullinni qilleensaa ishee hedduu hammaate godheera.
Itti aansuun Saan Firaansiiskoo fi Siyaatil akka argaman marsariitiin dhimma qilleensaa haasa'u IQAir.com himeera.
Origoonitti kanneen ibidda dhamsan ibidda bakka 16'tti dhalate lolaa jiru. Namootni 40,000 ta'aniis qe'ee isanii gadhiisuuf dirmaniiru.
Waajirri to'annoo balaa tasaa kutaa biyyaa kanaa balaa ibiddaa kanaan namootni 10 du'uu ibseera, aanga'oonni garuu lakkoofsi kun daranuu dabaluu akka danda'u akeekkachiisu.
Bulchaan Kaalifoorniyaa Geeviin Niiwsoom sababni balaa kanaa jijjiirama qilleensaaatii jedhaniiru.
Bulchiinsi bosonaa laaffachuun dhugaa ta'uu kan dubbatan bulchaan kun, irra guddaa garuu rakkoo jijjiiramni qilleensaa uumeedha jedhan.
Erga walakkeessa ji'a darbee balaa ibiddaa kanaan Kaalifoorniyaa keessatti namootni 22 du'aniiru.